Gootummaa uummanni sirna isaaf ta’u tolfachuuf taasisu gaafan argu kan filatu caalaa kan filatamuufan yaaddaa’a – MM Abiyyi Ahimad

You are currently viewing Gootummaa uummanni sirna isaaf ta’u tolfachuuf taasisu gaafan argu kan filatu caalaa kan filatamuufan yaaddaa’a – MM Abiyyi Ahimad

AMN PLUS – Caamsaa 24/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) sochiin hawaasni bal’aan sirna isaaf ta’uu ijaarrachuuf iddoo garaagaraatti filannoo kanarratti mul’isaa jiru adda ta’u ibsan.

Dooktar naannoo filannoo Gommaa 2ffaa Magaalaa Bashaashaa Buufata Filannoo Harootti argamuun sagalee isaanii kennuun ergaas dabarsaniiru.

Osoo diinootni hin baatanii, hin galtanii, filachuu hin dandeessan, sirna uummachuu hin dandeessan jedhanii tattaaffii guddaa taasisaa jiranii uummanni kana hundaa didee ganamaan bahee bakka hundatti filannoo adeemsisaa akka jiru Dooktar Abiyyi ibsaniiru.

Minstirri Muummee qophaa’ina uummanni sirna isaaf ta’u tolfachuuf taasisu gaafaan argu kan filatu caalaa warra filatamuufan yaaddaa’a jedhaniiru.

Uummannii tokkummaan bahee paartii isaaf ta’uu filachaa jira kan jedhan Dooktar Abiyyi warri filatamee ammoo uummaataaf maal gochuu akka qaban ammumarraa itti yaadu akka qaban himaniiru.

Uummataaf galeera, waan barbaadu beekuu, maal gochuus akka qaban ni beekuu kan jedhan Ministirri Muummee, sirna isaan barbaachisu karaa nagaatiin kaardii filannootiin ijaarrachuu akka danda’an dubbataniiru.

Ololli diinaa sobaan sirna uummanni ijaarrate diiguuf malee akka dubbatamuu akka hin taane uummanni akka beeku Dooktar Abiyyi ibsaniiru.

Kanaaf agarsiistuun ammoo uummanni Bahaa hanga Dhiyaatti Kaabaa hanga Kibbaatti bahee amanamummaa guddaan mootummaaa filatamutti aangoo kennaa waan jiruuf imaanaa kana maal gochuun akka barbaachisu oollee bullee ilaallas jedhaniiru.

Adeemsi sirna dimokiraasii ijaaruu bu’aa ba’ii akka qabu dhiibbaan keessaafi alaa agarsiisus uummanni karaa nagaatiin filannoodhan abbaa barbaadee filatee mootummaa isaaf ta’uu filachuun ergaa guddaa akka qabu himaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply