
AMN PLUS – Caamsaa 24/2018
Godina Shawaa Lixaatti filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa dhiibbaa tokko malee sirnaan gaggeeffamaa jiraachuu taajjabaan socho’aafi bakka bu’aan ABO Obbo Milkeessaa Hirkoo Giddii ibsaniiru.
Obbo Milkeessaan barii barraaqa irraa eegaluun buufataalee filannoo magaalaa Amboo dabalatee hanga Goosuu Qoraatti kan jiru adeemsa filannichaa hordofaa turu yaada kennaniin eeraniiru.
Adeemsi filannoo akkaataa barbaadamuun itti fufee jiraachuufi hawaasnis dhiibbaa tokko malee qaama bakka na bu’a jedhee itti amanee filachaa jiraachuu taajjabuu isaaniis ibsaniiru.

Filannoo bara kanaarratti paartileen morkattootaa kan yeroo kamiyyuu caalaa hirmaachuufi dhaabni isaanii ABO’nis keessa jiraachuu kan ibsan Obbo Milkeessaan hanga ammaatti adeemsa filannichaarratti rakkoon tokkollee akka isaan hin mudatiin hubachiisaniiru.
Filannichi haala amma jiruun kan xumuramuu taanaan paartileen morkattootaa hundi karaa dimokiraatawaa taheen waan barbaadan argachuun humna waloon ilaafi ilaameen hojjechuu bu’uureffachuu akka danda’anis taajjabaan socho’aafi bakka bu’aan ABO Obbo Milkeessaa Hirkoo Giddii ibsaniiru.