Itoophiyaan filachaa jirti –Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Itoophiyaan filachaa jirti –Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Caamsaa 24/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee obsiifi cichoominni jiraattota magaalattii kan baay’ee raajeffatamu tahuu ibsaniiru.

Aadde Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin ergaa dabarsaniin Itoophiyaan filachaa jirti jedhaniiru.

Filannoon bara kanaa Itoophiyaa bu’uuressuuf,nageenya waaressuufi ijaarsa mootummaa biyyaaleessaaf utubaa cimaa tahuu kutannoon irra deebiin agarsiistanittu jechuunis ibsaniiru.

Sa’atii dheeraa fudhachuun hanga ammaa hiriira qabachuun, haadholiin ijoollee keessan dugdatti baattanii, dubartootni garaatti baattan, maanguddootni, ga’eessotniifi dargaggootni galmeen dijitaalaan gaggeeffamee turuufi waraqaatti deebisuun wal qabatee raawwachiiftootni boordii filannoo maqaa barbaaduuf yeroo fudhachuun saffisaa barbaadamuun deemuu dhabuu isaatiin dhiifama gaafataniiru.

Haata’u malee akkuma eegaltan cichoominaan qaama naaf taha jettan obsaan filachuuf adeemsa filannoo eegaltan akka itti fuftan kabajaanin isiin gaafadha jechuun Kantiibaa Adaanech Abeebee toora miidiyaa hawaasaa isaaniin ergaa dabarsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply