AMN PLUS – Caamsaa 24/2018
Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa Itoophiyaa irratti hanqinni adeemsa hojii akka hin jirre Dura Teessuun Garee Taajjabdoota Filannoo IGAD Dooktar Ispeesiiyoozaa Waandiraa Kaazibuwee ibsaniiru.
Dooktar Ispeesiiyoozaa Waandiraa Kaazibuwee marii waldaalee dhaabbilee hawaasa siivilii, waldaalee dubartoota fi dargaggoota waliin taasisanin aadaan filannoo sagalee kennuu Itoophiyaa yeroodha gara yerootti guddachaa akka dhufe himaniiru.
Keessattu filannoo sagalee kennuu irratti dubartootni, dargaggoonni, manguddoonni fi qaama miidhamtootni dammaqinaan hirmaachuun isaanii hirmaannaan uummataa olaanaa ta’uu kan akeeku akka ta’es dubbataniiru.
Adeemsi filannoo sagalee kennuu Itoophiyaatti teeknoloojii ammayyaatti fayyadamuun biyyoota Afrikaa dursuun argamte kan dinqisiifatan gareen taajjabdootaa, kunis odeeffannoon saffisaan qaqqabsiisuufi rakkoonis yoo uumame ariitiidhaan deebin itti akka kennamuuf kan gargaaru akka ta’es ibsaniiru.
Guutuu Itoophiyaatti taajjabdoota bobbaasuun adeemsa filannoo hordofaa kan ture gareen kun, hanga ammaatti filannoon haala namuusa qabuufi hirmaannaa uummataa olaanaadhaan adeemsifamaa akka jirus ifoomsaniiru.