Har’as oduu gammachiisaa uummata magaalaa keenyaaf qabannee dhufneerra – Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Har’as oduu gammachiisaa uummata magaalaa keenyaaf qabannee dhufneerra – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Caamsaa 25/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee filannoo bullee har’as oduu gammachiisaa pirojektii faayidaa damdaneessa qabu imala deebisanii misoomsuufi qarqara lagaa Inxooxxoorraa hanga Qacanee Madanaalamii jiru xumuruun hawaasaaf banaa taasifneerra jechuun ibsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee filannoo bullee har’as oduu gammachiisaa uummata magaalaa keenyaaf qabannee dhufneen pirojektii faayidaa damdaneessa qabu imala deebisanii misoomsuufi qarqara lagaa Inxooxxoorraa hanga Qacanee Madanaalamii jiru ifatti hojii eegalchiifneerra jedhaniiru.

Aadde pirojekticha Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad waliin tahuun tajaajilaaf banaa taasisuu toora miidiyaa hawaasaa isaaniin ibsaniiru.

Kantiibaa Adaanech lafti amma misooma laggeen magaalattiin qabdu hedduuf kahumsa,bosonni somba magaalaa Finfinnee tahellee kan itti argamu laga Inxooxxoorraa hanga Qacanee gara uwwisa bosonaa duraan qabuutti deebi’uun jiraattotni naannawichaa aadaa hojii ogummaa harkaa boonsaa qabaniin siidaawwaniifi hambaaleen haala hawwataafi miidhagaa tahe akka argatan taasifamuu ibsaniiru.

Naannawaan Qacanee kanaan dura jireenyaaf mijataa kan hin turre, balaaf saaxilamaafi manca’ee kan ture adeemsa deebisan misoomsuun lafa xiqqoo faayidaa guddaaf oolchuun kan itti mul’ate, misoomaan baay’ee kan jijjiirame tahus Aadde Adaanech ibsaniiru.

Lafa hektaaraa 597 irra kan buufatefi fageenya Kiloomeetira 9.6 kan uwwisu pirojektiin deebisanii misoomsuufi qarqara lagaa Inxooxxoorraa hanga Qacanee bashannanaaf, daldalaafi taateewwan hawaasummaa garaagaraaf mijataa akkaataa toluun kan hojjetame iddoo bal’aa itti qilleensa fudhatan tahuus Aadde Adaanech ibsaniiru.

Misooma qonna magaalaaf kan oolu lafa hektaara 15, horsiisa kanniisaaf kan oolu bakka gaagura ammayyaa 210 qabatus qabaachuu kan ibsan Aadde Adaanech ooyiruu ililliifi biqiltuuwwan garaagaraa itti magarfamuu qabas jedhaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee walumaagalatti pirojektiin deebisanii misoomsuufi qarqara lagaa Inxooxxoorraa hanga Qacanee;

Daandii konkolaataa KM6.4

Daandii Biskileetii KM 8

Daandii Imala Miilaa KM 22

Daandii Haayikingii KM 4

Hidhaa Daagaa 39

Riqicha haaraa Konkolaataan irra darbu 2

Riqichi Konkolaataan irra darbu 3 kan haaromfame akkasumas iddoowwan misooma magariisaa kan guuttate tahuu ibsaniiru.

Kun jiraattota keenyaaf oduu gammachiisaa lafa itti yaadni qalbii sammuu sooramu, miilas itti hiikkatan tahuun har’as oduu gammachiisaa uummata magaalaa keenyaaf qabannee dhufne kanatti tajaajilamaa, umrii dheeraa akka qabaatus kunuunsaa jechuun Kantiibaa Adaanech Abeebee toora miidiyaa hawaasaa isaaniin ergaa dabarsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply