AMN PLUS- Caamsaa 25/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) har’a ganama piroojektii deebisanii misoomsuufi qarqara lagaa Inxooxxoorraa hanga Qacanee Madanaalamii jiru ifatti hojii eegalchiisuu ibsan.
Dooktar Abiyyi ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin Filannoo Waliigalaa marsaa 7ffaa bullee har’a ganama piroojektii deebisanii misoomsuufi qarqara lagaa Inxooxxoorraa hanga Qacanee Madanaalamii jiru ifatti hojii eegalchiifneerra jechuun ibsaniiru.
Kaka’umsi guddaan kun iddoowwan kana dura mancaa’an, eegumsa biyyoo ammayyaafi laga calaluudhaan gara bakkeewwan magariisaatti jijjiiramuudhaan paarkiiwwan muduraalee, daandiiwwan deemsa miilaafi biskileetii waliin qindeessuudhaan magaalaa guddoo keenya haaraa taasiseera jechuun ibsaniiru.

Piroojektiin walumaagalatti misooma qarqara lagaa Kiiloomeetira 22.25 kan uwwisu, hojiin misoomaa keenya akka addaan hin cinneef ragaa jiraataa ta’uurra darbee guddinni biyya keenyaa, kunuunsi naannoofi haaromsi magaalaa hojiidhaan kan itti mul’atedha jedhaniiru Dooktar Abiyyi ergaa isaaniitiin.