Adeemsi Kenniinsa Sagalee Filannoo Nagaadhan Xumurame – Koomaand Poostii Filannoo

You are currently viewing Adeemsi Kenniinsa Sagalee Filannoo Nagaadhan Xumurame – Koomaand Poostii Filannoo

AMN PLUS– Caamsaa 25 / 2018

Adeemsi kenniinsa sagalee filannoo waliigalaa 7ffaa nagaadhan xumuramuu isaa Qajeelcha Ol-aanaa Poolisii Finfinneetti Koomaand Poostiin Filannoo beeksiseera.

Adeemsi sagalee kennuu hanga halkan keessaa sa’aatii 7:00tti raawwatamaa akka ture eeruun, buufataalee filannoo magaalaa Finfinnee keessatti argaman hundatti adeemsi sagalee kennuu guutummaatti nagaa fi tasgabbaa’aa akka ture Koomaand Poostichi ibseera.

Balaa tiraafikaatiin lubbuun namoota lamaa kan darbe yoo ta’u, Caamsaa 24 guyyaas ta’ee halkan yakki kamiyyuu akka hin raawwatamne ibsameera.

Sirni kenniinsa sagalee milkiidhaan akka xumuramuuf uummatni filataan, raawwachiistonni filannoo, kaadhimamtoonni fi taajjabdoonni gumaacha taasisaniif, akkasumas kutaaleen nageenyaa hundi itti gaafatamummaa isaanii ba’ataniif Koomaand Poostichi galateeffateera.

Yeroo ammaa sagalee lakkaa’uun itti fufuu isaa kan ibse Koomaand Poostichi, adeemsi filannoon boodaa akkuma kanaan milkiidhaan akka raawwatamuuf qooda-fudhattoonni hundi itti gaafatamummaa isaanii akka ba’atan Koomaand Poostiin Filannoo Qajeelcha Ol-aanaa Poolisii Finfinneetti hundaa’e waamicha dabarseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply