AMN PLUS – Caamsaa 25/2018
Itoophiyaan lammiilee isheerraa waan barbaadde hunda yeroofi haala barbaaddeetti biyya argattu tahuu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibseera.
Lammiilee biyya isaaniif waan kennuu qaban kennuuf gara boodaatti hin jennee qabaachuunis baay’ee itti boonti jechuunis ibseera.
Injifannoo Adawaa hanga Hidha Haaromsaa, maaddii qooduun waliif dhaabbachuurraa hanga sagantaa ashaaraa magariisaa hirmaannaa lammiilee ishee barbaaddee dhabdee hin beektu, mirkanaa’eraafis, har’as kanumati irra deebi’e jedheera Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa.
Itoophiyaan sirna dimokiraasii dagaagsuu,filannoo iftoomina qabuun mootummaa filachuu,heera mootummaa bu’uuressuus dandeessetti.
Kanaafis filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa akka carraa guddaatti fayyadamuun ishee barbaachisee turuufi toora qabsiisuu danda’us tajaajilichi ibseera.
Lammiileen biyyatti Miiliyoona 54 ol galmaa’uun guyyicha eeggachaa turan hedduminaan ba’an filachuus kan ibse Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa seenaa filannoo Itoophiyaa keessatti ashaaraa of-danda’e keewwachuu hubachiiseera.
Qaaamoleen filannoon akka hin adeemsifamnee gufuu tahuuf yaalan, baandaawwan keessaafi alaa gurmaa’uun kana qaban sana gadi dhiisanis Itoophiyaanota kutannoo qaban filachuurraa gara boodaatti deebisuu akka hindandeenyees lammiileen biyyatti agarsiisuun hanga halkan walakkaatti filachuun karaa milkaa’ina qabuun xumuramuu tajaajilichi ibseera.