Akkaataa qophii taasifameetiin filannichi milkiin xumuramuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibse

You are currently viewing Akkaataa qophii taasifameetiin filannichi milkiin xumuramuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibse

AMN PLUS- Caamsaa 26/2018

Filannoon waliigalaa 7ffaan kaleessa gaggeeffame milkiin xumuramuu isaa Walitti-qabduun Boordichaa Meelaatwarqi Haayiluu beeksisaniiru.

Filannoo waliigalaa Wiixata Caamsaa 24 2018 gaggeeffame ilaalchisuun ibsa kan kennan Walitti-qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessa Itoophiyaa Meelaatwarqi Haayiluu, adeemsi sagalee kennuu hanga halkan qixxeetti gaggeeffamaa ture harka caalaan isaa milkiidhaan xumuramuu dubbataniiru.

Finfinneetti adeemsi sagalee kennuu halkan keessaa hanga sa’aatii 7:00tti itti fufee akka ture kan yaadachiisan walitti-qabduun tun, adeemsi sagalee lakkaa’uus ganamarraa jalqabee gaggeeffamaa akka jiru addeessaniiru.

Boordichi komiiwwan garaagaraa keessummeessaa akka tureefi tarkaanfii sirreeffamaa kennuu ibsaniiru.

Buufataalee filannoo lakkaawwiin sagalee xumurametti bu’aan yeroo filannoo maxxanfamuu kaasaniiru.

Naannolee Gaambeellaa, Sidaamaa, Amaaraa, Somaaleefi magaalaa Finfinneetti lakkaawwiin hin xumuramne jedhaniiru.

Kaasaahun Andu’aalemiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply