
AMN PLUS – Caamsaa 26/2018
Carraaqqiin Itoophiyaa keessatti dimokraasii cimsuuf taasifame kan dinqisiifatamuufi jajjabeessu ta’uu Hogganaan Ergama Taajjabbii Filannoo Gamtaa Afrikaa Uhuruu Keeniyaataan ibsan.
Gareen Taajjabdootaa Gamtaa Afriikaa fi Igad bu’aa madaallii duraa Filannoo Waliigalaa 7ffaa ilaalchisee ibsa kenneera.
Hogganaan Ergama Taajjabbii Filannoo Gamtaa Afrikaa fi Pireezidantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa, hojii mootummaan Itoophiyaa dimokraasii cimsuuf hojjete dinqisifataniiru.
Adeemsi filannoo waliigalaa caasaa seeraa Itoophiyaa fi sadarkaa idil-addunyaa kan hordofe ta’uu isaa madaallii kanaan mirkaneessuu isaanii eeraniiru.
Adeemsi sun yeroo dursaa filannootii kaasee milkaa’aa ta’uu isaa kan ibsan Uhuuruu Keeniyaattaa, Gamtaan Afrikaa jala bultii filannootii kaasee qaamota dhimmi ilaallatu waliin marii bal’aa taasisaa akka ture yaadachiisaniiru.
Kenniinsa barnoota filattootaa ilaalchisee, uummanni akkaataa sagalee itti kennu irratti hubannoo sirrii akka argatu kan taasifame ta’uu fi qindoominni guyyaa filannoo ture filattootaaf haala mijeessuusaa ibsaniiru.
Teknoolojiin adeemsa filannoo keessatti hojiirra oole keessumaa dargaggootaaf carraa guddaa uumeera jedhan.
Sa’aatiin sagalee kenninsaa dheerachuun filattootaaf carraa dabalataa akka uumee fi adeemsa sagalee kenniinsaatti qaama miidhamtootaa fi maanguddootaaf dursa kennuun hirmaannaa lammiilee haala guddaan akka dabalu taasisuu isaa hubachiisaniiru.
Raawwattoota filannoo fi humnoota nageenyaa Itoophiyaa keessa jiran itti gaafatamummaa isaanii sirriitti ba’uu isaaniitiif, miidiyaalees haaluma walfakkaatuun itti gaafatamummaa guddaadhaan hojii isaanii hojjechuusaaniitiif galateeffataniiru.
Hundumaa olitti, hirmaannaan uummanni Itoophiyaa filannicharratti argisiisee fi itti gaafatamummaa guddaa isaa gootummaadhan ba’uun isaa baay’ee kan galateeffamu ta’uu Uhuruu Keeniyaataan ibsaniiru.
Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e