
Ergaa Ministira Muummee
Pireezidantii duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa fi miiltoowwan hojii isaanii waliin wal arguu koon gammachuu guddaa natti dhaga’ama.
Ergama Taajjabbii Filannoo Gamtaa Afrikaa Kabajamoo Uhuuruu Keeniyaattaatiin dursamu fi miseensota 73 qabu, tajaajilaa fi gumaacha isaan adeemsa ijaarsa dimokraasii keenyaaf taasisaniif galata guddaa galchina.
Adeemsi dimokraasii haala qabatamaa fi muuxannoo ardii keenyaa waliin akka walsimu gochuu keessatti dhaabbileen Afrikaa shoora murteessaa taphatu.
Adeemsa filannoo keenya deeggaruuf guutuu biyyattiitti taajjabdoota bobbaasuudhaan, carraaqqii daangaa hin qabne taasiseef beekamtii fi dinqisiifannaa kennaa, bu’aa guutuu daawwannichaa ni eegganna.