Gareen Taajjabdoota Gamtaa Afrikaafi IGAD Filannoo Waliigalaa Itoophiyaarratti Ibsa Waloo Kennan

AMN PLUS – Caamsaa 26/2018

Filannoon Marsaa 7ffaa Kutannoo uummata Itoophiyaa kan agarsiiseefi Qaamoleen dhimmi ilaalu heddumminaan kan irrati hirmaatan ta’uu Gareen Taajjabdoota Gamtaa Afrikaafi IGAD Ibsa Waloo Miidiyaaf kennaniin ibsaniiru.

Kutannoon lammileen biyyattii hanga halkan keessaa sa’a jahaatti hiriira dheeraa eeggatanii filachuun mirga dimokiraasii isaaniitti dhimma bahan ajaa’ibsiifachuufi biyya kamittuu kan hin argine ta’uu Dursituun Garee Taajjabdootaa IGAD Dooktar Ispeeshiyoozaa Waandiiraa ibsaniiru.

Filannichi tasgabba’aa, naga-qabeessa, deeggarsi qaamolee nageenyaa olaanaa akkasumas adeemsi filannoo teeknooloojiin kan deeggaramee ta’uus ibsaniiru.

Dursaan garee taajjabdoota Gamtaa Afrikaa Pirezidaantiin Keenyaa Duraanii Uhuruu Keeniyaataan gama isaaniin hirmaannaan lammilee jabaa ta’uu, iftoominni kan keessatti mul’ate, hirnaannaan dhaabbilee siivilii guddaa akka ture, qophiin olaanaan kan itti taasifamee fi gumaachi Miidiyaaleen biyyatti taasisan Olaanaa ta’uus kaasaniiru.

Gareen taajjabdootaa lameen ibsa isaaniin gumaachi mootummaan Itoophiyaa milkaa’ina filannoo kanaaf taasise olaanaa ta’uu kaasanii, filannichi hunda hammataa akka ture hubachiisaniiru.

Gabaasni kan Bayyanaa Taaddasaati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply