AMN PLUS-Caamsaa 26/2018
Dura Taa’an Komishinii Gamtaa Afrikaa, Mahaamuud Alii Yuusuuf Gamtaa Afrikaatti ergamtuu dhaabbii Itoophiyaa ta’uun haaraa kan muudaman Ambaasaaddar Lamlam Fissahaa Minaalee simatan.
Ambaasaaddar Lamlam muuxannoo fi dandeetti hoggansa qabduun hariiroo hojii fi tumsa Itoophiyaa fi Gamtaa Afrikaa gidduu jiru daran akka cimsitu kan ibsan Mahaamuud Alii Yuusuuf Itti gaafatamummaa Ambaasaaddar Lamlam irratti muudamanifis baga gammaddee ittin jedhaniiru.
Komishinarichi deeggarsa itti fufiinsa qabu Itoophiyaan Gamtaa Afrikaaf taasistu dinqisiifachuun, filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa karaa nagaa fi milkaa’ina qabu gaggeeffamuu isaatiif ajaa’ibsifataniiru.
Dhimmoota naannawaa fi idil-addunyaa irratti mul’atan, akkasumas hojiiwwan dursa Gamtaan Afrikaa irratti xiyyeeffachuu qaburrattis mari’ataniiru.
Haaluma kanaan kaayyoo Gamtaa Afrikaa galmaan ga’uufi danqaawwan ardii keessatti mul’ataniif furmaata kennuuf Itoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf karaa guutuu ta’een akka qophaa’anis komishinarichi ibsaniiru.

Ambaasaaddar Lamlam gama isaaniitiin hoggansa Mahaamuud Alii Yuusuuf dinqisiifachuun, Itoophiyaan Gamtaa Afrikaa fi ajandaa guddina Afrikaaf qabdu ciminaan akka itti fuftu ni mirkaneessina jedhaniiru.
Mootummaan Itoophiyaas Gamtaa Afrikaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjeechuuf qophii akka ta’e Ambaasaaddar Lamlam ibsuu isaanii odeeffannoon Komishinicharraa argame ni mul’isa.