AMN PLUS – Caamsaa 27/2018
Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa Itoophiyaan adeemsifte seena qabeessaafi aadaa siyaasaa biyyattii kan Jijjiiruun bu’uura cimaa kan kaa’edha Jedhan Hayyuun Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-Adunyaa Obbo Gaaromaa Nafaabaasaa.
Obbo Gaaromaan Turtii Addatti AMN PLUS Sagalee Dhalootaa waliin taasisaniin filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa kun akka hin gaggeeffamneef dhiiibbaan keessaafi alaa jiraatus filannoo qofaan hiree ofii murteeffachuu waan barbaadeef uummanni Itoophiyaa yaada mormiifi dhiibbaa tureef osoo gurra hin kenniin filateera Jedhan.

Dimokiraasiin aadaa waldanda’uu horachuu irraa kan eegaluufi ilaalcha jijjiiruun, walqixxummaatti amanuu, waliin jireenyaafi hirmaannaa qaamolee hedduu kan barbaadu ta’uu Hayyuun Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-Adunyaa Obbo Gaaromaa Nafabaasaa Himaniiru.
Akka Obbo Gaaromaa Nafabaasaa Jedhanitti, filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa kana irratti uummanni bal’inaan bahee hirmaachuun aadaan siyaasaa biyyatti jijjiiramaa jiraachuu kan agarsiisuufi aangoon siyaasaa kaardii filannoon qofa kan argamu akka ta’e uummanni itti amanuus mul’isaa kaasaniiru.
Filannoo baranaa kana irratti hirmaannaan uummataafi qaamolee garaagaraa filannicha naga-qabeessaafi seena qabeessa akka ta’u taasiseeraas Jedhan.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa teeknoloojii fayyadamuun, caasaa dhaabbataa isaa fooyyessuun, birmadummaa isaa eeggachuun akkasumas ergama itti kenname sirnaan bahachuun hojii filannoo karaa haqa qabeessaan adeemsiisuu isaaf Hayyuun Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idil-Adunyaa Obbo Gaaromaa Nafaabaasaa dinqisiifataniiru.
Gabaasni kan Bayyanaa Taaddasaati