Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa waliigaltee wixinee labsii tajaajila geejjiba qilleensaa qorachuun raggaasiseera

You are currently viewing Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa waliigaltee wixinee labsii tajaajila geejjiba qilleensaa qorachuun raggaasiseera

AMN PLUS-Caamsaa 27/2018

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 23ffaan bara hojii 5ffaa wixinee labsii waliigalteewwan tajaajila geejjibaa qilleensaa Itoophiyaan biyyoota garaa garaa waliin mallatteesseqoratee raggaasiseera.

Itti Aanaan Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Hariiroo Alaa fi Dhimmoota Nageenyaa Fatii Maahidii (PhD), gabaasaa fi yaada murtii wixinee labsii waliigaltee tajaajila geejjibaa qilleensaa Mana Mareef kan dhiyeessan yoo ta’u, waliigalteen kunneenis invastimantii hawwachuu fi bakka gahuumsa geejjiba qilleensaa babal’isuun guddina geejjibaa qilleensaa fi dinagdee biyyaaf murteessaa akka ta’es ibsaniiru.

Waliigalteewwan tajaajila geejjibaa qilleensaa keessaa tokko Itoophiyaa fi Seeraaliyoon gidduutti kan mallatteeffame yoo ta’u, waliigaltichi dhaabbilee geejjibaa qilleensaa bakka gahuumsaa filatamanitti kallattiidhaan akka qubatanii fi tajaajila aviyeeshinii mijataa akka kennan kan dandeessisu ta’uu isaa ibsameera.

Manni Maree wixinee labsii tajaajila geejjibaa qilleensaa Itoophiyaafi Seeraaliyoon gidduu jiru kanas Lakkoofsa Labsii 1417/2018’n sagalee guutuun raggaasiseera.

Dabalataan wixineen labsii waliigaltee tajaajila geejjibaa qilleensaa Itoophiyaafi Angoolaa gidduutti mallatteeffame Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf kan dhiyaate yoo ta’u, waliigaltichi hariiroo dheeraa biyyoota lamaan gidduutti jiru guddisuuf carraa kan uumu akka ta’uu Dooktar Fatii Maahdii ibsaniiru.

Waliigaltee kanas Manni Maree Bakka Bu’ootaa labsii Lakkoofsa Labsii 1418/2018tiin sagalee guutuun raggaasiseera.

Waliigalteen tajaajila geejjibaa qilleensaa Itoophiyaa fi Baangilaadish gidduutti taasifame, sochii geejjibaa qilleensaa biyyoota lama gidduutti dabalaa akka dhufe kan ibsan Dooktar Fatiin, waliigalteen kunis invastimantii kallattii alaa hawwachuu, daldalaa fi turizimii guddisuu, akkasumas sharafa alaa argamsiisuun guddina dinagdee biyyaaf gahee olaanaa akka qabu himaniiru.

Waliigaltee kanas Manni Maree Bakka Bu’ootaa wixinee labsii Lakkoofsa Labsii 1419/ 2018tiin sagalee guutuun raggaasiseera.

Wixineen labsii tajaajila geejjibaa qilleensaa inni biraa Manni Maree Bakka Bu’ootaa raggaasise waliigaltee Itoophiyaafi Iswaatiinii gidduu jiru yoo ta’u, Waliigaltichi daangaa tokko malee geejjiba fe’umsaa raawwachuu dabalatee, meeshaalee gibira gumruukaa irraa bilisa ta’een galchuun baasii geejjibaa qilleensaa hir’isu akka danda’u Dooktar Fatii Maahdii ibsaniiru.

Waliigaltee kunis labsii Lakkoofsa Labsii 1420/ 2018tiin sagalee guutuun akka ragga’e ibsameera.

Waliigalteewwan tajaajila geejjibaa qilleensaa kunneenis faayidaa Itoophiyaa eegsisuun naannawwatti damee tajaajila geejjiba qilleensaatiin faayidaa biyyatti kan guddisuu akka ta’uus akeekameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply