Kantiibaa Adaanech Abeebeen wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo A-Masoob 8ffaa banan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebeen wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo A-Masoob 8ffaa banan

AMN PLUS – Caamsaa 27/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo A-Masoob 8ffaa Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo keessatti tajaajila eegalchiisan.

Aadde Adaanech Miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti “Gargaarsa Uumaatiin filannoo marsaa 7ffaa xumurre, har’a tajaajila mootummaa dijiitalaa wiirtuu tokkoo “Addis Masoob” 8ffaa bannee jirra” jedhan.

Waadaa uummata keenyaaf galle bu’uura gochuudhaan, har’a Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo keessatti gamoo darbii 7 qabu ijaarree, teeknoolojiidhaan gurmeessinee, foddaalee yeroo tokkotti tajaajilamtoota 96 keessumsiisuu danda’an qabuun, dhaabbilee 22 fi tajaajiloota 114n hojii eegalchiisneerra jedhan.

Wiirtuun kun qulqullina olaanaadhaan baay’ee miidhagaa, qulqulluu, fi qaama miidhamtootaaf mijataa, iddoo daa’imman itti tursiisan kan qabu, hojjettootaafis ta’e tajaajilamtootaaf haala mijataa ta’een kan ijaarame ta’uus eeran.

Gara fuulduraattis, tajaajiloota hedduu gara wiirtuu Masoobitti galchuudhaan, jiraattonni tajaajila ariifataa fi haqa qabeessa akka argatan ni taasisna jedhaniiru.

“Jiraattonni magaalaa keenyaa, tajaajilli mootummaa dijiitalaa wiirtuu tokkoo “Masob” biirookraasii bara dheeraaf nuffisiisaa, bu’aa-ba’ii baay’ee qabuu fi matta’aadhaan isan mufachiise jalaa kan isin bilisoomsu waan ta’eef baga gammaddan” jedhan.

Wiirtulee kanaan bakkaan osoo hin daangeffamin, wiirtuu isiniitti dhiyoo ta’e kamittuu argamuun tajaajilamaa jechuun dhaaman.

Wiirtuun kun xumuramee hojii akka eegaluuf kanneen qindeessan hundaa galateeffataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply