AMN PLUS – Caamsaa 28/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad misoomni qarqara laggeen Finfinnee laggeen miidhagsurra darbee pirojektii faayidaa dandaneessa qabu tahuu ibsan.
Dooktar Abiyyi ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin pirojektiin misooma qarqara laggeenii Inxooxxoo-Piikook akkasumas Inxooxxoo hanga Qabbannaa kan jiru hojii tiraanisfoormeeshinii magaalaa guddaa laggeenniirra darbee bal’ina 50 Meetira qabaachuu dabalatee koriidarii misooma magariisaa, bakkeewwan hawaasni itti wal-gahu, daandii imala miilaa,bakkeewwan bashannanaafi tajaajila daldalaaf oolan of-keessaa kan qaban tahuun jijjiirama magaalaa Finfinnee amma mul’atuuf qooda guddaa qabaachuu ibsaniiru.

Faayidaa pirojekticha adda kan taasisu ammoo damee dinagdeefi hawaasummaan shoora olaanaa qabaachuu tahus Ministirri Muummee ibsaniiru.
Hojichi qarqara laggeenii miidhagsuun gamatti ijaarsaan, injinariingiin, haala teessumma lafaa isaa miidhagsuun, loojistiksiifi damee biroonis carraa hojii uumuu danda’us eeeruun beekumsa biyya keessaaf carraawwan hedduu mijeessuus hubachiisaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi irra caalaan hojichaa ogeeyyii damee garaagaraa biyya keessaan hojjetamuun Itoophiyaanotni ogummaa qabaniin misooma magaalaafi ijaarsa bu’uuraalee misoomaarratti humniis tahe beekumsi qaban guddachaa jiraachuuf agarsiiftuu tahus ibsaniiru.

Misoomichi akka umrii dheeraa tajaajiluuf xiyyeeffannoon sana gitu akka kennamuuf kan ibsame yoo tahuu kana dura laggeen keemikaalotni summaa’oofi farra fayyaa tahan itti gadi lakkifaman, jiraattotni qarqara laggeenii jiraatan balaa lolaan walqabatee kan itti yaaddaa’an kan ture amma guutummaatti jijjiiramuun misoomni magariisaa, fayyaalessummaafi jireenyi mijataan bakka itti dhandhamamu magaalummaatti jijjiiramuus ergaa isaanii keessatti gudunfaniiru.

Haaluma walfakkaatuun bakkeewwan daldalaafi bashannana uummataa bifa qindoomina qabuun hojjetamuun eegumsa naannoofi guddina dinagdee haala kanaan dura turerraa jijjiiramuun kaayyoo tokkoof waloon dhaabbatan milkeessuun akka danda’amu mul’isuus ibsaniiru.
Kunis saffisaafi qulqullinaan Finfinnee magariisa, caalmaatti walitti hidhamiinsa kan qabdu, dingadeen dammaqxuufi namoomaaf dursa kan kennite magaalaa guddina ishee gara fuulduraaf bu’uura jabaa itti keewwatte, Invastimantii karoora yeroo dheeraa tahu akka agarsiisuus Dooktar Abiyyi ibsaniiru.