Namni dhuunfaa shiboo elektirikaa misooma koriidariif diriirfame hate harkaa harkatti qabame

AMN PLUS – Caamsaa 28/2018

Namni dhuunfaa Barakat Araggaa jedhamu gocha hannaa shiboo elektirikaa misooma koriidariif dirrirfame kan hate Kutaa Magaalaa Gullallee Aanaa 01 bakka addaa naannawaa Gusquwaam Qiddisti Maariyaam halkan keessaa sa’atii 4:00 tti tahuun ibsameera.

Shakkaman maqaan isaa olitti eerame misooma koriidariif diriirfamuun tajaajila kennaa kan jiru Keebilii daddabarsa shiboo elektirikaa muree fudhachuun ujummoo dhangala’aa dhabamsiisuuf tolfame keessa seenuun miliquuf yaaluun isaa ibsameera.

Haata’u malee miseensotni poolisii yerichatti hojiirra turan hordoffii taasisuun barbaacha sa’atii 2 itti fudhateen harkaa harkatti qabuun galmeen qorannoo irratti banamuun dhimmichi ilaalamaa jiraachuu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Kutaa Magaalaa Gullallee ibseera.

Shakkamicha hatattamaan to’annoo jala oolchuuf qindoominni hawaasni naannawichaa poolisii waliin tahuun taasise kan galateeffachiisu tahuu kan ibse poolisiin gara fuulduraattis uummanni aantummaa isaa agarsiisuun poolisii waliin hojjechuun kanneen yakka raawwatan seeratti dhiyeessuuf hojii akka salphisu hubachiisera.

Qajeelchi Poolisiifi Bulchiinsi Kutaa Magaalichaa gara fuulduraatti waloon mari’achuun miseensota poolisii ujummoo keessa seenuun shakkamaa qabaniif beekamtiifi badhaasa akka kennanis odeeffannoon poolisiin AMN’f erge eerera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply