AMN PLUS- Caamsaa 28/2018
Waancaa Addunyaa bara 2026 irratti isitaadiyeemii keessatti Vuuvuuzeelaa afuufuun guutummaatti dhorkaa ta’uu isaa FIFA’n ifatti beeksiseera.
Faaggaan (xurumbaan) plaastikaa afuufamuufi Sagalee guddaa baasu kun Afriikaarra darbee deeggartoota addunyaa kaan biratti amaleeffatamaa dhufeera.
Dorgommii Ameerikaa, Kanaadaa fi Meeksiikoon waliin qopheessan kana irratti, seera naamusa isitaadiyeemii haaraa FIFA’n baaseen, deeggertoonni vuuvuuzeelaa dabalatee meeshaalee sagalee ol’aana uuman kamiyyuu qabatanii seenuu hin danda’an.
Murteen kun kan darbe dursa: Faalama sagalee isitaadiyeemii keessatti uumamu hir’isuufi Keessattuu qunnamtii sagalee taphattoota, abbootii seeraa fi leenjistoota gidduutti godhamu akka hin gufachiifneef yaadameeti jedheera.
Dabalataanis, sagaleen ol’aanaan Vuuvuuzeelaa qulqullina hojiiwwan miidiyaa tamsaasa kallattii akka hir’isu fi beeksisawwan yeroo muddamaa deeggertootaaf akka ifatti hin dhageessifne akka taasisu ibsameera.
Vuuvuuzeelaan alatti, FIFA’n iftuu leezerii kanneen ija taphattootaa irratti ibsaman irrattis dhorkaa keeyyateera.
Tarkaanfiin kun, Waancaa Addunyaa Afriikaa Kibbaatti bara 2010 qophaa’e sagaleen ol’aanaan vuuvuuzeelaan uumame daawwattoota fi hirmaattota addunyaa biratti komii guddaa kaasee waan tureef, rakkoo sana furuuf kan murtaa’edha jedhameera.
Tagany Bafiqaaduutiin Qindaa’e