
AMN PLUS – Caamsaa 28/2018
Pirezidaantiin Yukireen Volodmiir Zeeleniskiin waraanatti xumura gochuuf Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin kallattiin fuulaa fuulatti wal arguun mari’achuu akka barbadan xalayaan gaafataniiru.
Zeelenskiin xalayaa barreessaniin wal waraansi Awurooppaa keessa jiru irra deebin xiyyeeffannoo Ameerikaa akka argatu cal-jedhanii eeguun dogoggora jechuun, nageenya waaraa fiduudhaaf Yuukreeniifi Raashiyaan walitti dhufanii kallattiin yoo mari’atan qofa ta’uu akka danda’u kan ibsan.
Yaada marii waraanni guutumatti haa dhaabbatu Zeelenskiin gaafatan kana Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp hoggantoonni biyyoota lamaanii wal arguun osoo mari’atanii baay’ee gaarii ta’uu ibsanis Puutiin yaada kana fudhachuu didaniiruun gabaafameera.
Yeroofi haalli xalaayan kun itti barreeffame Raashiyaatti qoosaa kan fakkaate haleellaa Yuukreen dhiyeenya kana lafa Raashiyaa irratti raawwatte akka yaadatamu taasisuun mufannaa Raashiyaa dabalchiiseera.
Haata’uu malee Putiin osoo qabiyyee xalaayaa sanaa hin argin dura ibsa gaazexeessitoota biyya alaaf kennaniin Yuukreen waliin waliigaltee irra ga’uuf qophaa’aa fi fedhii qabaachuu ibsuun waldhabdee furuudhaafis waliigaltee taasisuun akka barbaachisu kan ibsan.
Tiraampi dhimma Iraanitti qabamanii waan jiraniif Gamtaan Awurooppaa dhimma araara Yuukreenii fi Raashiyaa qabatanii Imaammata Putiinin naannolee afur lafa Yuukreen to’ataman akka deebisisaaniifi ammas Raashiyaan yaalii kutaa NATO seenuuf yaaltu dhaabuu akka qabdu Gamtaan Awurooppaa akka amansiisu Zeelenskiin yaada dhiyeessaniiru.
Mariiwwan nageenyaa kan dura taasifamaa turan milkii malee akka hafan kan ibsan Zeeleniskiin, erga ji’oota darbanitii as mariin dhukaasa dhaabuu gidduun akka qabbanaa’es ibsuu isaanii BBC’n gabaasera.
Shuumii Badhaasootiin