Gahee bu’uuraalee misooma magariisaa hawwattummaa magaalaa dabalurraa hanga jijjiirama qabeenya qilleensaa eeguu

You are currently viewing Gahee bu’uuraalee misooma magariisaa hawwattummaa magaalaa dabalurraa hanga jijjiirama qabeenya qilleensaa eeguu

AMN PLUS – Caamsaa 28/2018

Itoophiyaan miidhaa jijjiiramni qilleensaa geessisu hir’isuufi naannoo eeguu keessatti xiyyeeffannoo guddaa kennitee hojjechaa jirti.

Keessattuu biyyattiin sagantaa Ashaaraa Magariisaa, misooma bosonaa, akkasumas misooma koriidarii fi qarqara lagaa magaalaa fi baadiyyaa keessatti hojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an hojjetteetti.

Bara 2011 irraa eegalee Inisheetivii Ashaaraa Magariisaa hojiitti hiikameen biqiltuuwwan Biliyoona 48 ol dhaabuun danda’ameera.

Kunis uwwisa bosona biyyattii gara dhibbeentaa 23.6 tti akka guddatu taasisuu ragaaleen akka biyyaatti jiran ni mul’isu.

Kana malees, eegumsa biyyee cimsuu, fayyadama jallisii babal’isuu fi mala qonna ammayyaa jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf mijatu hojii irra oolchuun bal’inaan raawwatameera.

Yeroo ammaa tajaajila humna elektirikaa Itoophiyaan fayyadamtu keessaa dhibbeentaan 95 ol maddoota anniisaa haaromfamaa irraa kan argamu yoo ta’u, anniisaa qulqulluu kana gara geejjibaa fi indaastiriitti babal’isuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira.

Keessattuu pirojektiin misooma koriidarii fi qarqara lagaa Finfinnee dabalatee magaalota 68 keessatti hojii irra oolaa jiruu qabatamaan misooma magariisaa babal’isuu keessatti shoora guddaa bahachaa jiraachuun waan qabatamaan mul’atudha.

Kanaanis bu’aan magaalotatti argame baadiyyaattis akka babal’atuuf misoomni koriidarii baadiyyaa fi ijaarsi gandootaa mootummaan deeggaramuun hojjetaman jalqabbiirra fakkeenyaa tahaniiru.

Finfinnee jiraattotaaf mijattuu, qulqulluu fi miidhagduu taasisuuf hojii misooma koriidarii fi qarqara lagaa qofa osoo hin taane, akkaataan balfa gogaa fi dhangala’aa sirnaan walitti qabuun dhabamsiisuus kaleessarra har’a fooyyee qabaachuun gahee dabalataa qulqullina naannoofi magaalaa eeguu keessatti ramadamuun bu’aan argamaa jira.

Fakkeenyaaf jijjiiramaan dura magaalaa keessatti giddu galli qulqulleessa balfa dhangala’aa tokko qofa ture amma bu’aa jijjiiramaan giddu galli qulqulleessa balfa dhangala’aa 43 tajaajila kennaa jiru.

Kana malees, sirna bulchiinsa balfaa ammayyeessuun Finfinneen magaalota Afrikaa qulqullina qabuun dubbatamuuf 10 keessaa tokko ta’uu dandeessetti.

Walumaagalatti, bu’uuraaleen misooma magariisaa bifa magaalotaa jijjiiruu qofa osoo hin taane, gadi-lakkifama gaazii ho’aa addunyaa hir’isuun magaalota jiraattotaaf mijatoo taasisuu keessatti gahee olaanaa qabu.

Guyyaan Eegumsa Naannoo akka Addunyaatti yeroo 53ffaaf, amma Itoophiyaatti ammoo yeroo 33ffaaf mata duree “Uumama Kunuunsuun Jijjiirama Qabeenya Qilleensaaf Qolachuuf’ jedhuun jedhuun kabajamee oolera.

Kabaja Guyyaa Eegumsa Naannoo Addunyaa kanarratti, jijjiirama qilleensaa ittisuuf maddoota mootummaa fi mootummaan alaa irraa deeggarsa maallaqaa barbaaduu, ce’umsa teeknoloojii jajjabeessuufi tumsa beekumsaa cimsuun barbaachisaadha qabxiileen jedhan xiyyeeffannoo argachuu odeeffannoowwan dhimmichaan wal-qabachuun bahan eeraniiru.

Tizitaa Mangistuutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply