AMN PLUS – Caamsaa 28/2018
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootti tajaajila dijitaalaa iddoo tokkoo A-Masoob 8ffaa eebbisuun hojii jalqabsiisaniiru.
Tajaajilli dijitaalaa iddoo tokko kunis rakkoo jiraattotni waggoota dheeraaf tajaajila argachuuf jecha deddebbi’iinsaan dararama argaa turan kan irra hambisuu akka ta’eefi dheebuu bara dheeraf tajaajila si’ataafi saffisa qabu argachuuf hawwaa turan kan deebisuu akka ta’es ibsameera.
Kantiibaa Adaanech Abeebees jiraattotni Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo dararaa kenniinsa tajaajilaafi malaammaltummaa hamaa waliin rakkachaa turan keessaa giddu gala tajaajila dijitaalaa “Masob” kanatti tajaajilamuun furmaata akka argatan dubbataniiru.

Giddu galli tajaajila dijitaalaa ammayyaa kun hojii yeroo tokkoof qofa kan hojjetame osoo hin taane, ijaarsa biyyaa yeroo dheeraa keessatti karoorfamuun akka ijaarame kan ibsan Kantiibaa Adaanech, bu’aa ba’ii jiraattonni tajaajila argachuuf dhama’an hambisuun, yeroo fi maallaqa isaanii osoo hin qisaasin tajaajila barbaadan argatanii akka debi’anif kan dandeessisu akka ta’e himaniiru.

Magaalaa Finfinneetti hojiiwwan misoomaa baay’een hojjetamaa jiraatanis, hanga ammaatti rakkoowwan tajaajila saffisaa kennuu dhabuufi tajaajila kennanii malaanmaltummaa gaafachuu sirnichaa keessaa buqqisaani baasuuf giddu galli tajaajila dijitaalaa ammayyaa kun gahee olaanaa akka qabus dubbataniiru.
Jiraattonni tajaajila saffisaa, qulqulluu fi sadarkaa isaa eeggate kana osoo matta’aa hin kaffaaliin argachuu akka danda’an sirna amanamaa akka ta’e Kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo keessatti sochii dijitaalaayizeeshiniin eegaleme kun kanumaan kan dhaabbatu osoo hin taane, giddu galli tajaajila dijitaalaa walfakkaatan sadii dhuma xumura bara baajataa kanarratti eebbifamuun uummataaf banaa akka ta’u eeraniiru.

Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa irratti uummata cichoominaafi fedhii guddaa nageenyaafi misoomaaf qabu agarsiisef gaaffileefi fedhii isaa akkaataa madaluun deebii kennuun qaama aangoo fudhaturraa akka eegamus hubachiisaniiru.
Fedhiin dimokiraasii uummanni filannicharratti agarsiisen imala badhaadhinaa jalqabame gara sadarkaa olaanaatti akka geessu abdii guddaa kan kennu ta’uus Kantiibaa Adaanech akeekaniiru.
Shuumii Badhaasootiin