Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaan hunda hirmaachiisaadha yoo jennu sababa qabna – Federeeshinii Dubartoota Itoophiyaa

AMN PLUS – Caamsaa 28/2018

Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa seena qabeessa tahe filachuurraa hanga taajjabdummaatti hirmaannaan dubartootaa haalaan kan keessatti mul’ate ta’uu Federeeshiniin dubartoota Itoophiyaa beeksise.

Federeeshinichi filannoo waliigalaa marsaa 7ffaarratti taajjabdummaan miseensota isaa hojii taajjabdoota dhaabbiifi kan yerootiin Kuma 14 ol bobbaasuun filannichi hunda hirmaachiisaa tahuu isaaf sababnis tahe agarsiiftuun tokko isuma kana jechuun ibseera.

Buufataalee filannoo Kuma 25 ol naannolee biyyatti garaagaraafi bulchiinsota magaalotaa lamaanitti ramadee taajjabaa turuu Daayireektarri Olaantuu Federeeshinii Dubartoota Itoophiyaa Aadde Gannat Siyyum ibsaniiru.

Baay’ina filattootaa keessaa dhibbeentaan 49.3 dubartoota ta’uu Aadde Gannat kaasanii, filannoo marsaa 6ffaa waliin walbira qabamee yoo ilaalamu kan marsaa 7ffaa caalmaa qabaachuu himaniiru.

Aadde Gannat akka jedhanitti hirmaannaan dubartootaa filachuufi taajjabdummaarratti jiru olaanaadha.

Haata’u malee, kutaalee biyyatti fageenyaafi daangaa irra jiran keessatti lakkoofsi dubartoota filannoo irratti hirmaatanii gadi aanaa tahus eeraniiru.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa qophii filannoo duraatii kaasee hanga filannoo boodaatti hojii boonsaa hajjateera kan jedhan Aadde Gannat naannolee Amaaraafi Oromiyaa keessatti rakkoo nageenyaa irraa kan ka’e komii ka’aniif Boordichi deebii hatattamaa kennuun bakkeewwan muraasa keessatti buufanni filannoo akka cufaman ta’eera kaan ammoo turanii banamanuu Aadde Gannat himaniiru.

Naannoo Gambeelaatti iddoowwan muraasatti buufanni filannoo dafee banamuu dhabuufi qaamoleen tokko tokko ebeluun filadhaa jechuun filattoota burjaajessuun waan tureef boordiin filannoo gidduu galee furmaata hatattamaa kennuus Aadde Gannat ibsa isaanii keessatti kaasaniiru.

Federeeshiniin Dubartootaa Itoophiyaa qaamoleen nageenyaa milkaa’ina Filannoo Marsaa 7ffaa kana irratti hojii qindoomina qabuufi gahumsaan raawwachuu isaaniif galateeffateera.

Gabaasni kan Bayyanaa Taaddasaati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply