AMN PLUS – Caamsaa 29/2018
Bu’aa jijjiiramaa keessatti dameen fayyaa magaalaa Finfinnee akka alaabaa biyyaatti ol kaafamee mirmirfame yoo jedhame hoggansa hojicha hordofeefi harka ogummaan hojicha hojjete caalaa hawaasni magaalattii ragaa hunda caalu, dhugaa lafa jiru dubbachuuf qaama biroorraa eeyyama eegu hin qabu.
Yaada kana kan gabbisan mahaandiisa bu’uuraalee misoomaa magaalattis yoo jenne kan itti hin guddanne Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee waggoota shanan darban keessatti hospitaalota sadarkaa isaanii eeggatan ijaarsiisuun fayyadamummaa hawaasa magaalaa Finfinneefis tahe lammiilee biyyattiif banaa taasisuu ibsaniiru.

Hospitaalli Ispeeshaalaayizdii Laaftoo, Hospitaalli Ispeeshaalaayizdii Kolfee, Hospitaalli Galaan Tiraahumaa akkasumas Hoospitaalli Haadholiifi Daa’immanii Abbabeech Goobanaa ashaaraa harka mootummaa jijjiiramaa, siyaasaaf osoo hin taane dhimma lubbuu baraaruuti.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee baajata qabu keessaa 72% ijaarsa bu’uuraalee misoomaa fayyadamummaa hawaasa magaalatti giddu galeessa taasifateef yoo oolchu gammachuu guddaatu itti dhaga’ama kan jedhan Aadde Adaanech ammayyuu ni eegalle malee hin xumurreen kaasaniiru.
Finfinneen yeroo yeroon dhimmoota haaraan jiraattota ishee waliin gara fuulduraatti imaluu itti fuftis kaasuun Kantiibaa Adaanech karoorri magaalatti wiirtuu turizimii fayyaa taasisuu sirriitti toora qabachaa jiraachuus hubachiisaniiru.

Finfinneen immaamata dhukkuboota dursan ittisuu hanga yaalan fayyisuu waa baay’ee hojjechaa jiraachuus kan ibsan Kaantiibaa Adaanech hospitaalota duraan turan babal’isuufi ammayyeessuun galteewwan tajaajila fayyaaf barbaachiisoo tahan guutuunis cimee itti fufeera jedhaniiru.
Finfinneef boqonnaa haaraadha kan jedhan Aadde Adaanech Hospitaala Minilikitti Giddu Galli Qorannoo DNA, Foreensikiifi sirna summii qorachuu banamuun faayidaa damdaneessa qabaachuu ibsuun haqa mirkaneessuu keessatti bu’aa qorannoo yakkoota walxaxoo adda baasuuf biyyoota alaatti erguun bu’aa qorannoo eegaa jirra jechuun yeroo dheeraa fudhachuun hafeeraan hubachiisaniiru.

Kunis humni Finfinneetti bu’aa qorannoo yakkoota walxaxxoo sa’atii muraasa keessatti adda baasuu uumamuu danda’uun tahuu kan ibsan Kantiibaa Adaanech asumatti waan hundu xumuramee akka ifoomullee ibsaniiru.

Dhibeen hindhufiin malee yoo dhufeef Finfinneen humna dhukkuba kamillee yaaltee fayyisuu ishee dandeessisu guuttachaa jiraachuu kan eeran Aadde Adaanech ogeeyyiin gahumsaafi amanummaa guutuun hojjetan jiraachuun ammoo addunyaa tajaajila fayyaa keessatti humna dabalataa injifannootti nama geessu tahuun roga maraan hawaasa tajaajilamufis ogeeyyii tajaajilaniifis waan guutamuu qabu guutaa, baasii biyyoota alatti yaala fooyyaa’a jedhame kaleessa dheengadda dura ba’aa tures biyya keessatti hambisuuf caalmaatti ni hojjenna humnas qabna jechuun hubachiisaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin