
AMN PLUS- Caamsaa 29/2018
Raayyaan Ittisa Biyyaa qabsoo fi aarsaa guddaadhaan birmadummaa Itoophiyaa kan eegsise, daangaa ishee kan kabachiise fi nageenya akkasumas misooma uummataa mirkaneessuuf dirqama fi ergama isaa dandeettii guutuun kan ba’e ta’uu Itaamaajoor Shuumiin Walii Gala Raayyaa Waraanaa FDRI Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa dubbatan.
Mana Barnoota Leenjii Qondaaltotaa Hursoo kaadhimamtoota koorsii “Cichoominaa” marsaa 27ffaa har’a eebbisiiseera.
Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa sirna eebbaa kana irratti ergaa dabarsaniin Itoophiyaan biyya goototaa jajjaboo ta’uu ibsan.

Waggoota muraasa darban keessatti humnoota alaa irraa deeggarsa maallaqaanii fi ergama fudhatanii biyya diiguuf xaxaa xaxanii socho’aa warreen turan, abjuu isaanii fashaleessuun akka danda’amee Fiild Maarshaal Birhaanuun ibsaniiru.
Kaadhimamtoonni qondaaltotaa kunniin amanama uummanni fi mootummaan irratti gatan fudhachuun, Dandeettii gaggeessummaa barri kun gaafatu gonfachuun, Qormaata keessatti murtii ariifachiisaa kennuudhaan, naamusa olaanaadhan, amanamummaa ogummaa akkasumas miira namummaa fi jaalala biyyaatiin biyya isaanii murannoodhaan akka tajaajilan dhaamaniiru.
Ajajaan Mana Barnootichaa Koloneel Kadir Caacoo gamasaaniin, eebbifamtoonni xaxaa diinota alaa fi ergamtoota keessaa kanneen guddina biyyaa hin barbaadne fashaleessuuf leenjii gahaa fudhachuu isaanii ibsaniiru.

Leenjifamtootaaf leenjii dandeettii qaamaa, xiinsammuu, ilaalchaa fi dandeettii gaggeessummaa gabbisan kennamuu malees, haala nageenya saayibarii yeroo ammaa kan hubatanii fi damee kanaan beekumsa gahaa kan argatan ta’uu ibsaniiru.
Kaadhimamtoonni qondaaltotaa yeroo mana barnootichaa keessa turanitti barumsa tiyoorii fi gochaa irraa argatan, ittigaafatamummaa gara fuulduraatti isaaniif kennamu dandeettiidhaan ba’uuf akka isaan dandeessisu amanantaa qaban ibsan.

Sirna eebbaa kana irratti Itaamaajoor Shuumiin Walii Gala Raayyaa Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Ajajaa Ol’aanaa Humna Qilleensa Itoophiyaa Letenant Jeneraal Yilmaa Mardaasaa, Hoogganaa Qajeelcha Ol’aanaa Barnootaa fi Leenjii Ittisa Biyyaa Jeneraal Yimar Mokonnon, Hoogganaa Qajeelcha Ol’aanaa Odeeffannoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Geetaachoo Gudiinaa akkasumas hoggantoonni olaanoon mootummaa fi keessummoonni waamaman argamaniiru.