AMN PLUS – Caamsaa 29/2018
Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa gufachiisuuf yaaliin baandootni keessaafi alaa wixifachaa turan hin milkoofne, gara fuulduraattis hin milkaa’uuf jedhe Ministeerri Nageenyaa.
Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiris ibsa miidiyaaleef kennaniin filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa gufachiisuufi nageenya hawaasaa booressuuf qaamoleen yeroo mara nageenya hin barbaadne sochiin taasisan qindoomina hawaasaafi caasaalee nageenyaattin karaatti hafuu hubachiisaniiru.
Diinotni Itoophiyaa warreen jijjiirama biyyaalessaa fudhachuuf fedhii hin qabne, haleellaa shororkeessummaa raawwachuurraa eegalee meeshaalee teeknoloojii ammayyaa fayyadamuun waraana xiinsammuufi burjaaja’iinsa siyaasaa uumaa turu Obbo Mahaammad ibsaniiru.
Mootummaan filannoon bifa dimokiraatawaafi haqa qabeessaan akka gaggeeffamuuf jalqabaa qabee hojjechaa turuufi bifa naamusa filannoo eegeen xumuramus kan ibsan Ministirichi faallaa kanaa warreen humnaan aangoo qabachuuf yaalan ammoo diinota Itoophiyaa keessaafi alaa waliin tahuun sangaan dhale jechuun holola sobaa asittis achittis oofaa turu yaadachiisaniiru.
Taateen kun baandoota biyya keessa tahanii ajandaa diinaa raawwachiisaniifi alaammoo warreen guddinniifi jijjiiramni Itoophiyaa isaanitti hin tolle waliin waloon tahuun kan qindeessan tahuu hubachiisuun sochiin isaanii uummatni kaardii filannoo akka hin fudhanneefi hin filannees taasisuuf akka turan ibsuun ammoo uummattootni Itoophiyaa Miliyoonaan lakkaa’aman qaama bakka na bu’a jedhan itti amanan filachuuf gara boodaatti hin jenne, ergama baandootni qabatanii socho’anis harkatti busheessuun kufaa taasisaniiruun ibsa miidiyaaleef kennaniin dubbataniiru.
Ijaarsi sirna dimokiraasii haarsaa malee hin dhufne kan jedhan Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiris caasaaleen nageenyaa hawaasa waliin tahuun qindoominaan hojiin hojjetan ergama baandoota fashaleessuun adeemsi filannoon biyya bu’uura cimaa qabdu ijaaruu akka itti fufu taasisuun danda’amuu hubachiisaniiru.