Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee murtoowwan garaagaraa dabarse

You are currently viewing Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee murtoowwan garaagaraa dabarse

AMN PLUS – Caamsaa 29/2018

Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walgahii 11ffaa bara hojii 5ffaa adeemsiseera.

Kaabineen Bulchiinsa Magaalichaa walgahii taheen dhimmoota garaagaraa dhiyaatan irratti erga mari’ateen booda murtoowwan dabarseera.

Bu’uuruma kanaan;

1ffaa,Wixinee dambii bulchiinsa hundeeffama Paarkii Indaastirii Galaan Gurraa irratti mari’achuun akka raawwatamu raggaasiseera.

2ffaa,Wixinee dambii yaa’ii dhaggeeffannaa ol iyyannoo qabiyyee lafaafi dhimmoota kaffaltii beenyaa keessa deebiin hundeessuu bahe irratti mari’achuun akka raawwatamu raggaasiseera.

3ffaa, Abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin lafa ijaarsaafi babal’ina dhaabbilee fayyaaf oolu yaada murtee dhiyaate irratti mari’atee akka raawwatamu raggaasiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply