AMN PLUS— Caamsaa 29/ 2018
Caamsaa 24, bara 2018 A.L.I ganama bariidhaan, calaqqiin ifa ganamaa jalqabaa tulluuwwan olka’oo Itoophiyaa irratti ba’ee dukkana balleessuun dura, lammiileen Itoophiyaa hiriira dheeraa hiriiranii turan.
Jimma, Dirree Dhawaa, Hawaasaa, Baahiir Daar akkasumas magaalaotaa fi gandoota maqaan isaanii gaazexoota oduu idil-addunyaa irratti gonkumaa ba’uu hin dandeenye keessatti, dhiironni fi dubartoonni gocha murteessaa raawwachuuf hiriiranii dhaabbatan. Sagalee kennan!
Gahee seenaa kana ba’achuuf lammiileen miliyoona 54 ol ta’an galmaaa’anii turan. Lakkoofsi kun baay’ina ummata guutuu biyyoota tokko tokkoo oli.
Filannoon kun dhugaa ta’uu isaa irratti qaama gaaffii kaasu kamiyyuuf deebii ifaa fi shakkii hin qabne kenneera! Fedhiin ummata Itoophiyaa akka mirkanaa’uuf, Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itoophiyaa buufataalee filannoo 52,000 keessaa 50,188 ol ta’an yeroo isaaniitti banamanii guyyaa guutuu filattoota keessumsiisaa akka turan mirkaneesseera.
Paartilee siyaasaa 42 keessaa kaadhimamtoonni 10,438 ol fi dhuunfaan kaadhimamtoonni 80 teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Mana Maree Naannoo mo’achuuf dorgamaniiru.
Kun safartuu madaallii kamiyyuu keessatti seenaa Itoophiyaa keessatti isa guddaa fi murtee kennuu irrattis ta’e gama bulchiinsaatiin haala baay’ee gadifagoo ta’een hojiirra kan oole, hirmaannaan dimookiraasii bal’aan kan itti argamedha.
Gareen Taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afriikaa, Preezidaantii duraanii Keeniyaa Kabajamoo Uhuuruu Keeniyaataatiin dursamu fi biyyoota Afriikaa 37 keessaa taajjabdoota 83 hammatte, filannicha “maandhee seeraa fi dhaabbatamaa bulchiinsa dimookiraasii bal’inaan deeggeru keessatti kan gaggeeffame” jechuun madaaleera.
Gareen Taajjabdoota Filannoo IGAD, kan Itti-Aantuu Preezidaantii duraanii Yugaandaa Dr. Spesiyozaa Waandiiraa Kaaziibweetiin dursamu gabaasa jalqabaa baaseen, buufataalee taajjaban hundatti saanduqni filannoo sirriitti saamsamuu isaanii, bakka bu’oonni paartilee adeemsa sana guutuu keessatti argamuu isaanii akkasumas filannichi guddina dhaabbattummaa, bulchiinsaa fi teeknoolojii dinqisiisaa agarsiuu isaa mirkaneesseera.
Ergamaan taajjabbii filannoo IGAD filannoo kana «Filannoo boqonnaawwan haaraa hedduu» jedhee waameera.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa adeemsa sagalee kennuu keessatti sarbiinsi mirga namoomaa kamiyyuu akka hin mudanne mirkaneesseera.
Gamtaan Taajjabdoota Dhaabbata Siviilii dhaabbata boordii filannootiin beekamtii argatan 55 keessaa taajjabdoota 65,299 guutuu biyyattiitti kan bobbaase yoo ta’u, buufataalee filannoo dhibbeentaa 99 (99%) irratti gufannaa malee taajjabuuf carraa argachuu isaa mirkaneesseera.
Kunniin madaallii fi murtee dhugaa dhaabbilee biyyaalessaa fi ardii amanamummaa qabaniin kennamedha.
Kunniin sagalee dhaabbilee Afriikaa jibban ykn dimookiraasii Afriikaa ulaagaalee alatiin madaalan irraa kan dhaga’aman miti.
Xiinxaltoonni idil-addunyaa tokko tokko filannoo kana akka ayyaana teessoo irra ta’uutti xureessuun bu’aan isaas diraamaa duraan dursaamee murtaa’e godhanii dhiyeessuuf yaalaniiru.
Waajjirri Ministira Muummee ibsa kanaan ala ta’an, dhugaa irraa kan fagaatan, qorannoo fi xiinxala irratti kan hin hundoofne akkasumas lammiilee Itoophiyaa miliyoonotaan lakkaawwaman kanneen filannoo dimookiraasii bilisaa fi itti yaadame dandeettii guutuun gaggeessan kan hin kabajne waan ta’aniif, guutummaatti kan hin fudhanne ta’uu isaa mirkaneessa.
Yoo bu’aan dursaamee murtaa’e jiraate, biyyoota Afriikaa 37 keessaa taajjabdoota walabaa 83, taajjabdoota hawaasa siviilii biyya keessaa 65,299 ykn gaazexeessitoota idil-addunyaa beekamtii qaban 1,100 affeeruun hin barbaachisu ture.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad lammiilee Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa kana irratti hirmaatan, Boordii Filannoo Biyyaalessaa fi hojjettoota 350,000 ol bobbaaseef, humnoota tasgabbii adeemsicha eeganiif akkasumas gareewwan taajjabdoota Afriikaa fi naannoo kanneen Itoophiyaan ijaarama dimookiraasii gabbisuu fi milkaa’ina adeemsichaatiif kutannoo qabdu mirkaneessaniif galata isaanii dhiyeessu!
Waa’ee guddina Itoophiyaa ilaalchisee lammiileen Itoophiyaa Caamsaa 24 bara 2018 A.L.I murtee isaanii yeroo kaayan, biyya isaanii aadaa dimookiraasii guutuu keessa tursiisuufi.
Gama biraatiin, Itoophiyaan guddina guutuu ishee barbaachisu ariitiidhaan dhugoomsuu aadaan isaa akka itti fufu ummanni keenya dubbateera. Dhugaan waggoottan darban keessatti argame akka agarsiisutti, mootummaan FDRI mootummaa waadaa qofa ture miti. Gara biraatiin, mootummaa bu’aaleen qabatamaan itti argaman kan bu’aa irratti xiyyeeffate yoo ta’u, bu’aaleen kunniinis ifatti kan mul’ataniiti.
Guddina GDP: Diinagdeen Itoophiyaa bara baajataa 2017 keessa guddina 9.2% kan galmeessise yoo ta’u, kunis addunyaa irratti diinagdeewwan ariitiidhaan guddachaa jiran keessaa tokko isa taasisa.
Kaka’umsa kana bu’uura godhachuun bara baajataa 2018 keessatti guddini 10.2% ni ga’a jedhamee eegama. Guddichi qonna, indastirii fi dameewwan tajaajilaa sadarkaa guddaan kan hammatee fi hundee bal’aa kan qabu yoo ta’u, yeroo irraa gara yerootti garuu indastiriin humna sochoostuu guddinichaaf ta’ee dhufaa jira.
Galii Daldala Alaa: Kunis mootummaan maanufaakchariingii, guddina indastirii, daballii sonaa (value addition) fi oomishaalee gabaa alaatti xiyyeeffataniif xiyyeeffannoo walitti fufiinsa qabu kennuu isaa agarsiisa.
Bu’aaleen kunniin hirmannaa qofa osoo hin taane, sirna madaallii raawwii hojii guyyoota 100 Ministira Muummeetiin deeggaramuun kan hordofaman, firiiwwan itti-gaafatamummaa fi hoggansa karoorfamedha.
Galii daldala alaa waliigalaa Doolaara Ameerikaa biliyoona 20 ni ga’a jedhamee kan eegamu yoo ta’u, kunis bara 2016 irraa eegalee daballii 100% agarsiiseera.
To’annoo qaala’iinsa gabaa: Hammeentaan olka’iinsa gatii gadi bu’aa isaa itti fufuun amma sadarkaa lakkoofsa diijiitii tokkotti (single digit) dhiyaachaa jira; kunis waggoottan dhiyoo keessatti maatiiwwan fi daldaltoota irratti dhiibbaa jabaa uumee kan ture qaala’iinsa dijiitii lamaa (double digit) irraa yoo madaalamu fooyya’iinsa guddaadha.
Milkaa’inni kun kan galmeessifame dhiyeessii humna idil-addunyaa fi gabaa meeshaalee tarsiimawaa biroo kan jeeqe, dhiibbaawwan alaa dabalatee, miira ji’oo-poolitikaa Baha Giddu-galeessaa yeroo ammaa keessa jiruun ture.
Liqii Alaa: Erga ajendaan fooyya’iinsa imaammata Diinagdee biyya keessaa (homegrown economy reform) jalqabamee iyyuu, mootummaan maddeen alaa irraa waliigaltee liqii daldalaa haaraa kamiyyuu kan hin liqeeffanne yoo ta’u, kunis dhiibbaa liqii biyyattii sadarkaa guddaan salphiseera.
Lakkoofsota kanneen duubaan jijjiiramni qabatamaan lammiileen Itoophiyaa ijaan arganiinii fi harkaan qaqqaban jira.
Hidhi Guddichi Haaromsa Itoophiyaa manneen jireenyaa, dhaabbilee daldalaa fi biyyoota ollaatiif humna elektiriikii amansiisaa maddisiisaa jira.
Hidhaan kun ofuma lammiilee Itoophiyaatiin kan deeggarame, injinaroota Itoophiyaatiin kan ijaaramee fi dhiibbaawwan alaa walitti fufiinsa qaban danda’uun kan xumuramedha.
Haayidroo-paaworii cinaatti, Itoophiyaan pirojektoota maddisiisa humna qilleensaa Ayishaa Lammaffaa naannoo Sumaalee argamuu fi pirojektoota maddisiisa humna qilleensaa Asallaa Godina Arsiitti argaman fakkaataniin dhiyeessii humna haaromfamuu danda’u bal’isaa kan jirtu yoo ta’u, kunis tumsa anniisaa naannichaa guddisuun dandeettii dandamannaa dhiyeessii humna biyyaalessaa ni cimsa.
Seenaa ardii Afriikaa keessatti investimantii bu’uuraalee misoomaa gurguddoo keessaa tokko kan ta’e, pirojektiin buufata xayyaaraa idil-addunyaa Bishooftuu dhagaan bu’uuraa kaa’amee ijaarsi isaa jalqabameera.
Kunniin hawwii qofa miti; dhugaa qabatamaadha. Qonna, indastirii manufaakchariingii fi teeknoolojii damee qonnaa keessatti, ajandaan walabummaafi nyaataan of danda’uu mootummaa jijjiirama yeroo qofa osoo hin taane bu’aa caasasaa fidaa itti fufeera.
Naannoo Sumaaleetti warshaa xaa’oo yuriyaa Goodee ijaaruuf Aliko Daangootee waliin waliigaltee mallatteeffame ragaa investimantii indastirii mul’ataa bara kanaa keessaa tokkodha.
Warshichi waggaatti meetirikii toonii miiliyoona 3 oomishuuf dandeettii akka qabaatu karoorfamee ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, kunis Itoophiyaa biyyoota addunyaa irratti xaa’oo oomishan gurguddoo cinaatti hiriirsisa.
Ministirri Muummee Caamsaa 9 bara 2018 A.L.I adeemsa ijaarsa pirojektichaa yeroo daawwatan akka ibsanitti: “Pirojektiin kun tiraansfoormeeshinii qonnaa, wabii nyaataa, guddina indastirii fi gama diinagdeetiin of danda’u irratti investimantii istiraateejikaa taasifamedha” jedhaniiru.
Dhiyeessii xaa’oo amansiisaa hin taane fi qaaliidhaan yeroo dheeraadhaaf oomishtoota Itoophiyaa rakkataa turaniif faayidaan pirojektii kanaa ariifataa fi qabatamaadha.
Filannoo darbe guyyoota muraasa dura Ministirri Muummee Caamsaa 19 bara 2018 A.L.I eebba Buufata Xayyaaraa Gadaa Negellee Booranaa irratti yeroo argaman fakkeenyummaan mul’ate ummata Booranaatiif hiika guddaa qaba ture.
Godinni kun sadarkaa idil-addunyaatti maqaan ittiin beekamu boquu biyyaa kan gadi qabachiisu akka ture yaadannoo yeroo dhiyooti; innis hongeedha. Waggoottan sadii walitti fufaniif roobni dhabamuun loon miiliyoonotaan lakkaa’aman kan ajjeese, maatiiwwan bishaan barbaachaaf dhibbootaan kilomeetira akka deeman kan dirqisiise, akkasumas lafa dheedumsaa kanneen irratti hawaasota jaarraawwaniif of danda’anii jiraatan gargaarsa nyaataa ariifataatiif harka akka diriirsan taasisee ture. Booranaan addunyaan beeku ishee turte.
Daawwannaan Ministira Muummee ji’a Caamsaa garuu seenaa addaa agarsiiseera. Amma hawaasa horsiisee bultootaa fi loon isaaniitiif bishaan qulqulluu dhiyeessaa kan jiran bu’uuraalee misooma bishaania fi jallisiis madaalaniiru; waggoottan muraasa dura lafa awwaara qofa ture irratti qonnaalee kilaastarii daawwataniiru; Giddu-galeessa Aadaa Yaabeelloo eebbisaniiru; akkasumas sababa haala qilleensaatiin kanaan dura adda citee kan ture naannichaaf guutuu waggaa walitti hidhiinsa kan uumu buufata xayyaaraa eebbisanii bananiiru.
Dameen oomishaanis seenaa jijjiiramaa walfakkaatu qaba. Eekspoo “Itoophiyaan Ni Oomishti” 4ffaa Caamsaa bara 2018 A.L.I gaggeeffame irratti, mootummaan bu’aalee babal’ina indastirii walitti fufiinsaa qabu kan waggoottan afuriif galmeessifame dhiyeesseera.
Damee manufaakchariingii keessatti dhiyeessiin galtee waggaatti tonii miiliyoona 9 irraa gara tonii miiliyoona 15tti guddateera. Fayyadamni dandeettii oomishaa 47% irraa gara 67% ol ka’uu isaa, guddini maanufaakchariingii 4.8% irraa gara 10.7% guddachuu isaa, akkasumas faayinaansiin intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddu-galeessaaf dhiyaatu Birrii biliyoona 8.1 irraa gara Birrii biliyoona 50tti guddachuu isaa agarsiisa.
Milkaa’innootni kunniin oomisha biyya keessaa irratti sadarkaa guddaan calaqqisaa jiru.
Eekspoon sun xumuramee guyyoota digdama keessatti, Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad Warshaa Seeraamikii Graandewur ji’oota sagal qofa keessatti ijaarsisaa xumurameefi 80% ol meeshaalee dheedhii biyya keessaa kan argatu magaalaa Moojoo keessatti eebbisaniiru.
Kanaan dura oomishaalee seeeraamiki alaa galan irratti hirkattuu kan turte Itoophiyaan, amma oomishaalee seeraamiki alaa galchuu guutummaatti dhaabuufi oomisha gabaa alaatiif ta’u bal’isuuf qophaawaa jirti.
Damee teeknoolojitiinis, misoomni ammayyaa yeroo irraa gara yerootti daataa, kalaqaa fi sirna dijitaalaatiin kan murtaa’u ta’uu hubachuun, mootummaan Itoophiyaa biyyoota hubannoo Namtolchee (AI) fi maandheewwan Indastirii 5.0 dursaanii hojiirra oolchan cinaatti hiriirsiisaa jira.
Siyaasa Daangaa Dabree Fudhatama Dhabsiisuu
Miidhaa finciltoota ABO Shaneetiin lammiilee nagayaa irratti, keessattuu dhaabbilee amantii keessatti xiyyeeffatamee raawwatame hordofuun; miseensota maatii fi firoottan isaanii kanneen dhaban, miidhaan qaamaa kan irra ga’ee fi qabeenyi mana isaanii kan jalaa barbadaa’e lammiilee keenya Godina Arsii keessatti argamaniif Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad maqaa mootummaa Itoophiyaatiin gadda jabaa itti dhaga’ame ibsu.
Miidhaaleen kunniin guddina biyyaalessaa biyyattii gufachiisuu qaamolee barbaadan, finciltoota biyya keessaa naannoo Amaaraa keessa socho’anii fi humnoota alaa guddina guutuu biyyattiitiif jibba qaban waliin qindoominaan kan raawwataman yoo ta’u; kaayyoon isaaniis Itoophiyaa keessatti tasgabbii dhabuu fi jeeqama filannoo uumuuf karoorra badii dhufe hordofeeti.
Mootummaan filannoon waliigalaa 7ffaan rakkoo nageenyaa tokko malee haqa-qabeessaa fi hirmaachisaa ta’ee akka xumuramuuf waggaa tokkoo ol kan fudhate xiyyeeffannoo fi qophii addaa gochuun kutannoodhaan hojjechaa tureera. Gama biraatiin humnoonni badii alagaa waliin walitti hidhamiinsa uumuun kaayyoo isaanii badii galmaan ga’uuf qophii badii fagoo gochaa turaniiru, filannoon biyyaalessaa akka hin gaggeeffamneef carraaqqii bal’aa taasisaniiru.
Qabatamaanis yeroo dursaa filannoo fi yeroo filannootti mirga fi bilisummaa filannoo lammiilee dhiibuu fi gufachiisuuf harka badii qaban diriirsaniiru.
Humnoonni diinaa kunniin wal-deeggaruu fi wal-hordofuun fincilaa fi jeeqama kaasuuf, magaalaota gocha shororkeessummaatiin jeequuf, daandiiwwan irratti riphanii dhawuuf sochii daangessuufi naannoo tokko tokko xiyyeeffannoo godhachuun addaan baasanii miidhuuf socho’aniiru.
Akka agarsiistuutti meeshaalee waraanaa, rasaasaa fi lojistikoota biroo deeggarsaan dhiyeessuun kibba Tigraayitti daangaa naannoo Amaaraa bakka tokko tokko irratti yaalii shororkaa taasisaniiru.
Naannoo Amaaraa Baahiir Daar, Gondar, Debre Birhaan fi Woldiyaa dabalatee magaalaota gurguddoo naannichaa fi lammiilee siivilii irratti xiyyeeffachuun sochiin fi qophiin shororkeessummaa gaggeeffameera. Magaalaa Finfinnee keessatti garee iccitii ijaareen iddoowwan filataman irratti miidhaan akka raawwatamu socho’anii kan turan yoo ta’u, ta’us tooftaa fi gocha badii kana fashaleessuun danda’ameera.
Haaluma walfakkaatuun naannoo Oromiyaa keessatti gareen shororkeessaa Shanee garee hidhattoota Faanoo daangaa dabranii waliin wal-hordofuun naannoo tokko tokkotti daandii cufuun sochii dhaabuu fi gufachiisuuf fedhiin kan socho’e yoo ta’u, ta’us tarkaanfii cimaa humna nageenyaatiin irratti fudhatameen fedhii isaa galmaan ga’achuu hin dandeenye.
Gareen kun tarkaanfii humna nageenyaatiin irratti fudhatame dandamachuu dhabuu fi fedhii isaa guuttachuu dadhabuu isaatiin iddoowwan laafaa irratti tarkaanfii xiyyeeffate fudhachuun walitti bu’iinsa amantii fi sabummaa kaasuuf kaayyeffateera.
Godina Arsiitti Asakoo fi naannoo isaatti miidhaa raawwachuun carraaqqii badii hundaa kan taasise yoo ta’u, haala sana to’achuun humnoonni nageenyaa keenya humnoota kanneen irratti tarkaanfii qindaa’aa fudhachaa jiru.
Mootummaan sodaa kanaan fakkatan dammaqinaan hordofaa kan jiru yoo ta’u, yeroo filannoottis naannoo biyyattii hedduu keessatti karoorawwan walfakkaatanii qindaa’an milkaa’inaan fashaleessuu danda’eera.
Miidhaalee lammiilee nagayaa irratti raawwataman; duula miidiyaa sodaa fi qoqqoodinsa bal’isan waliin walitti hidhuun gochi badii qindaa’e kun, caasaa nageenyaa fi oppireeshiinii mootummaatiin sadarkaa guddaan akka gufatamu taasifameera. Qoqqoodinsa biyyaalessaa fi amantii facaasuuf miidhaa humnaa fi barbadaa’insa akka meeshaatti qaamolee fayyadaman lammiilee Itoophiyaa hundaan ifatti balaaleffatamuu qabu.
Gochaawwan akkanaa Itoophiyaa keessatti carraa gara fuulduraa kamiyyuu akka hin qabne agarsiisuuf deebii biyyaalessaa qindaa’aa kennuun tarkaanfiwwan murteessoo ittifufu. Lammiilee nagayaa irratti qaamolee miidhaa raawwatan, gocha isaanii sababa qabeessa godhanii argisiisuuf haasaa siyaasaa kamiyyuu yoo fayyadaman, kaayyoo murteessaa galmaan ga’aa osoo hin taane yakka raawwachaa jiru.
Komiiwwan siyaasaa sirna heera mootummaa Itoophiyaa, adeemsa marii biyyaalessaa fi dhaabbilee dimookiraasiitiin furmaata argachuu kan danda’anii fi argachuu kan qabaniiti.
Finxaalessummaan garuu lafa Itoophiyaa irratti gonkumaa bakka hin qabu.
Waajjira Ministira Muumme