Kantiibaa Adaanech giddu gala qorannoo DNA, Foreensikiifi summii qoratu eebbisan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech giddu gala qorannoo DNA, Foreensikiifi summii qoratu eebbisan

AMN PLUS – Caamsaa 29/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee giddu gala qorannoo DNA,Foreensikii akkasumas summii qoratu eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisuu ibsaniiru.

Aadde Adaanech ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin “Har’a, Itoophiyaa keessatti kan jalqabaa kan ta’e fi tajaajila fayyaa uummata keenyaa gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisu, giddu gala qorannoo DNA, foreensiikii fi qorannoo summii eebbifnee tajaajilaaf banaa taasifneerra jedhaniiru.

Kantiibaa Adaanech giddu galichi meeshaalee ammayyaa kan guuttate qorannoo DNA hidda dhalootaa adda baasu qorachuuf humna kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Sharafa alaa qorannoof bahaa ture biyya keessatti hambisuun akka danda’amus Aadde Adaanech akeekaniiru.

Sirna qorannoo haqaa biyyatti mirkaneessuu keesatti qooda olaanaa qabaachullee Kantiibaa Adaanech ergaa isaanii keessatti kaasuun

Mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannoo damee fayyaaf kenneen waggoota 5 keessatti hospitaalota sadarkaa idil addunyaa qaban eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisuun akka dandaamees eeraniiru.

Bulchiinsi magaalichaa damee fayyaaf xiyyeeffannoo kennee hojii hojjechaa jiruun fakkeenya tahaa jiraachuus ibsuun hojichi akka itti fufu hubachiisaniiru.

Kana biratti cichoomina, gahumsaafi amanamummaa ogeeyyii fayyaa qabnuu dabaluuf xiyyeeffannoo kenninee ni hojjenna jechuun ibsaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee giddu galichi karoora irraa eegalee hanga sadarkaa tajaajila kennuu qaqqabeetti qaamolee kutannoon hojjechaa turanis galateeffataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply