Naannolee Filannoo 825’tti bu’aan sagalee filannoo ifoomera – Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa

You are currently viewing Naannolee Filannoo 825’tti bu’aan sagalee filannoo ifoomera – Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa

AMN PLUS – Caamsaa 29/2018

Naannolee Filannoo 825’tti bu’aan sagalee filannoo sadarkaa naannolee filannootti akkaataa lakkaa’amuun ida’ameen ifoomuu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksiseera.

Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Aadde Meelaatwarqi Hayiluu adeemsa lakkaawwii sagalee filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa ilaalchiisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Aadde Meelaatwarqi akka ibsanitti filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa naannolee filannoo itti gaggeeffame keessaa naannoleen filannoo 825 sadarkaa naannoo filannootti akkaataa lakkaa’ameen bu’aa sagalee filannoo ifoomsuu ibsuun naannoleen filannoo hafan bu’aa sagalee filannoo adeemsa ida’uurratti argamu jedhaniiru.

Naannolee Filannoo Magaalaa Finfinneetti argaman keessaa naannoleen filannoo 11 bu’aalee sagalee filannoo sadarkaa naannoo filannootti maxxansuu isaanii Aadde Meelaatwarqi ibsaniiru.

Komiiwwan 47 hanga ammaatti isa dhaqqabuu kan ibse Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa kanneen keessaa 31 paartilee siyaasaarraa kan dhiyaatan yoo tahan, 16 ammoo kaadhimamtoota dhuunfaan filannicha dorgomanirraa tahuu Walitti Qabduun Boordichaa Aadde Meelaatwarqi ibsaniiru.

Boordichi komiiwwan dhiyaatan seeraafi hojimataa bu’uureffachuun qorachuun deebii itti kennaa jiraachuus ibsa isaaniin hubachiisaniiru.

Filannoo waliigalaa marsaa 7ffaarratti dhaabbileen Siivilii hedduun taajjabdummaan filannicharratti hirmaachaa turanis gabaasa taajjabbii isaanii Boordichaaf dhiyeessuus kaasaniiru.

Yeroo hafeetti adeemsi bu’aa sagalee filannoo naannolee filannoo hundatti walitti ida’uun xumuramu, gara giddu galeessaatti geejjibsiisuufi bu’aa sagalee filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa ifoomsuu kan hojjetu tahus Boordichi ibsa miidiyaaleef kenneen hubachiiseera.

Gabaasni kan Yittaayyaal Axinaafuuti

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply