Garee Hidhatee Socho’u Kamiyyuu Waliin Hariiroo Hin Qabu – ONLF

AMN PLUS- Waxabajjii 01/2018

Addi Bilisummaa Biyaalessaa Ogaadeen (ONLF) gareewwan hidhatan waliin hariiroo qaba jedhamuun odeeffannoon tamsa’u soba ta’uu ibse.

ONLF waliigaltee nagayaa mootummaa Itoophiyaa waliin mallatteesseef kutannoo jabaa qabu irra deebi’ee mirkaneesseera.

Dhaabbatichi ibsa baaseen; humnoota hidhatan waliin gonkumaa akka hin tumsine, waa’ee jijjiirama hoggansa yeroo ammaa dhaabbatichaa fi toora hojii sirrii qofa irratti xiyyeeffachuun ibsa bal’aa kenneera.

Guutuun Ibsa ONLF Dhimma Kana Irratti Kenne Akka Armaan Gadiitti Dhiyaateera:

Addi Bilisummaa Biyoolessaa Ogaadeen (ONLF) gareewwan hidhatan waliin hariiroo qaba jedhamuu jabeessee kan mormu yoo ta’u, waliigaltee nagayaa mootummaa Itoophiyaa waliin mallatteeffameef kutannoo isaa kan hin sochoone irra deebi’ee mirkaneessa

Keewwattoota waliigaltechaa guutummaatti kabajuu fi hojiirra oolchuuf qophii ta’uu isaas ni addeessa.

Haaluma walfakkaatuun, ONLF mootummaan Itoophiyaa waadaa gale akka kabajuu fi guutummaatti hojiirra oolmaa waliigaltee kanaa amanamummaan akka mirkaneessu eega.

Waliigalteen nagayaa Onkololeessa 21 bara 2018 Asmaraatti mallatteeffame, nagayaa fi tasgabbii har’a Naannoo Somaaleetti mul’atuuf akka bu’uuraatti tajaajileera.

Erga waliigalteen kun hojiirra oolee jalqabee, naannichi naannolee Itoophiyaa keessatti nagayaa fi tasgabbii qaban keessaa tokko ta’uuf kan danda’e yoo ta’u, kunis barbaachisummaa waliigaltichaa fi kutannoo qooda fudhattoota hundaa nagaya itti fufiinsa qabu fiduuf qaban agarsiisa.

ONLF waliigalteen nagayaa Asmaraa Naannoo Somaalee fi Gaanfa Afriikaa bal’aadhaaf bu’aa guddaa akka argamsiise amana. Kana malees, ONLF kaayyoollee baay’ee seenaa isaa keessatti irratti qabsaawaa ture akka milkaa’aniif gumaacha gaarii taasiseera.

Kanaafuu, ONLF gocha ykn amala nagaya, tasgabbii fi misooma Naannoo Somaalee keessatti argame jeequu danda’u kamiyyuu jabeessee morma.

Haaluma kanaan, namoonni dhuunfaa muraasni karaa waliigaltee nagayaa kanaan fedhii dhuunfaa isaanii guuttachuu socho’an, walitti bu’iinsa haaraa kakaasuuf yaaluun maqa dhaan dhaabbatichaa hayyama malee fayyadamuu isaanii guutummaatti fudhatama dhabsiisa.

ONLF carraaqqiwwan akkanaa qajeeltoo dhaabbatichaa kan hin calaqqisiifne ykn faayidaa Naannoo Somaalee fi uummata isaa kan hin tajaajille ta’uu amana. Akka carraaqqiwwan kun nagayaa fi tasgabbii naannichatti dadhabbi guddaadhaan dhufe shakkii malee balaa irra kan buusan yoo ta’u, ajandoota naannichaan alaa ta’anii fi hawwii seera qabeessa uummata Naannoo Somaalee waliin walitti bu’an kan deeggaran dha.

Kana malees, ONLF dhaabbata biraa kamiyyuu kan mootummaa Itoophiyaa yeroo ammaa kuffisuuf kaayyoo godhate waliin tumsa kamiyyuu akka hin uumne qaama dhimmi ilaallatu hundaaf ifa gochuu barbaada.

Mootummaa aangoorra jiru humnaan kuffisuuf qabsaa’uu ykn dhaabbata kaayyoon isaanii inni jalqabaa aango mootummaa meeshaa waraanaatiin qabachuu ta’an waliin hirmaachuun kaayyoo ONLF ta’ee hin beeku.

Ergamni ONLF yeroo mara mirga, faayidaa fi hawwii uummata Naannoo Somaalee kabachiisuu irratti kan xiyyeeffatedha.

Kaayyoollee kana qajeeltoo marii fi waliigaltee waliinii irratti hundaa’uun, karaa nagayaa fi dimookiraatawaa ta’een galmaan gahuuf kutannoo qabaatee itti fufa.

Kanaafuu, ONLF gareewwan hidhatan kanneen mootummaa Itoophiyaa waliin walitti bu’iinsa keessa jiran waliin hariiroo, tumsa ykn hirmaannaa kamiyyuu akka hin qabne irra deebi’ee mirkaneessa.

ONLF hariiroo nagayaatiif guutummaatti kutatee kan itti fufu yoo ta’u, gochoota nagaya, tasgabbii fi faayidaa uummata Naannoo Somaalee balaa irra buusan kamiyyuu ni balaaleffata.

ONLF dabalataan, duraan dura-taa’aa paartichaa kan turan Obbo Abdirahmaan Maahdi hayyama fi bakka bu’ummaa dhaabbatichaa malee dhuunfaan socho’uudhaan maqaan dhaabbatichaa seeraan ala faayidaa irra ooluu isaa ibseera.

Obbo Abdirahmaan Maahdi yeroo ammaa paartii ONLF keessatti bakka hoggansaa kamiyyuu kan hin qabne yoo ta’u, paarticha, imaammata ykn kaayyoollee isaa bakka hin bu’an.

Bara 2025 (A.L.A) Waxabajjii keessa yaalii kora ONLF Jigjigaatti gaggeeffameen Obbo Abdirahmaan Maahdi itti gaafatamummaa dura-taa’ummaa irraa seeraan kan kaafaman yoo ta’u, Obbo Abdikaariim Sheek Muusee dura-taa’aa haaraa paartii ONLF ta’uun sirnaan filataman.

Kanaafuu, guyyaa sanaa qabee tarkaanfiiwwan Obbo Abdirahmaan Maahdiin fudhataman, murteewwan dabarsaman ykn ibsa kennaman kamiyyuu ejjennoo seera qabeessa paartii ONLF kan bakka hin buune waan ta’eef, akka ilaalcha fi gocha dhuunfaa isaaniitti ilaalamuu qabu.

Paartiin ONLF fuula X (Twitter duranii) @ONLFofficial jedhamuun beekamu seera qabeessa paartichaa akka hin taane ibsuu barbaada.

Fuulli kun kan Obbo Abdirahmaan Maahdiin bulfamu kan dhuunfaa yoo ta’u, qabiyyeewwan maxxanfaman imaammata, ejjennoo ykn ibsa seera qabeessa paartii ONLF hin bakka bu’an.

ONLF qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi, deeggartoonni, dhaabbanni miidiyaa fi uummatni of-eggannoo akka taasisan fi waa’ee ejjennoo akkasumas sochiilee paartichaa odeeffannoo argachuuf sarara hojii seeraan hayyamame qofa irratti akka hundaa’an gaafachuu isaa ENA gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply