Magaalaa bu’uuraalee misoomaa ammayyaa guuttachuun taateewwan ispoortii gurguddoof haala mijataa uumaa jirtu – Finfinnee

You are currently viewing Magaalaa bu’uuraalee misoomaa ammayyaa guuttachuun taateewwan ispoortii gurguddoof haala mijataa uumaa jirtu – Finfinnee

‎‎AMN PLUS – Waxabajjii 01/2018

‎‎Waggoota dhiyoo as humni Finfinneen qabdu taateewwan ispoortii adda addaa gaggeessuun baay’ee dabalaa dhufeera.

‎Kanaafis ka’umsi Finfinneetti bu’uuraaleen misoomaa dorgommii ispoortii qopheessuuf mijatoo ta’an bal’inaafi qulqullinaan ijaaramuun magaalattii keessatti sochiin ispoortii kan duraanii caalaa haala gaariin qophaa’a jira.

‎Waggoota muraasa keessatti giddu galli ispoortii guddaan kan akka Paarkii Ispoortii Addis irraa eegalee iddoowwan ispoortii xixiqqaafi giddu galeessaa ta’an Finfinnee iddoowwan baay’eetti ijaaramaan tajaajilaaf banaa ta’aniiru.

‎Yaadannoo Injifannoo Adawaattis ispoortii mana keessaa kanneen akka buunyaa, Kubbaa Saaphanaa fi Kubbaa Harkaatiif haala dorgommii mijaawaa kan uume misooma koridarii magaalattii waliin dabalaamuun , Finfinneen taateewwan ispoortii sadarkaa biyyaalessaa hanga idil-addunyaatti qophaa’uuf bakka mijataafi filatamaa akka taatu taasiseera.

‎‎Dorgommiiwwan ispoortii idil-addunyaa kanneen akka ‘Grand Prix, City Mountain Bike Eliminator Pro League’ fi dorgommii Federeeshinii Kubbaa Harkaa idil-addunyaa zoonii Afrikaa Bahaa 5ffaa fi kanneen biroo Finfinneetti milkaa’inaan qophaa’an ni dhimmoota ijoo dhiyeenya kanaati.

‎Finfinneen taateewwan ispoortii sadarkaa biyyaatti gaggeeffamanis milkii guddaan kankeessummeessite yoo ta’u, dorgommiiwwan ispoortii kunneenis bashanannaarraa darbuun guddina dinagdeefi maqaa gaarii biyyattii ijaaruuf gumaacha olaanaa akka qabanis dhageetti gurraafi argaa ijaatu ragaadha.

‎Bu’uuraaleen misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan ijaaramuun dargaggoota baay’eef haala mijataa kan uume yoo ta’u, ispoorteessitoota gahumsa qabaniifi baay’ee ta’an baasuun akka danda’amu ifaadha.

‎‎Bu’uuraaleen misooma ispoortii ammayyaa naannoo adda addaatti ijaaramaniifi misoomni koridarii Finfinnee magaalaa miidhagduufi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taane hawaasa fedhii ispoortii qabuufi magaalaan fayyaa dhalootaf mijattuu taate akka uumamtu taasisuu danda’eera.

‎Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply