AMN PLUS – Waxabajjii 01/2018
Finfinneen waggoota muraasa darban keessa misooma magaalaa, pirojektoota misooma magariisaa, misooma qarqara laggeenii miidhagsuufi misooma koriidariin jijjiirama gonfatteen ija hawaasa idil addunyaa hawwachaa jirti.
Daandiiwwan bal’ina qaban, daandiin imaltoota miilaa, biskileetii, sirnootni ammayyaa akkaataa dhabsiisa dhangala’aafi misooma magariisaan magaalaa miidhagsuu irratti hojiin hojjetame magaalatti guutummaatti jijjiireera.

Kunis Finfinneen jiraattotaafi daawwattootaaf caalmaatti mijattuu akkasumas hawwattuu akka taatu taasiseera.
Keessummootni biyya alaa yeroo dhihoo kana magaalaa Finfinnee daawwatan jijjiirama kana dinqisiifannaa guddaadhaan ibsaniiru.

Daawwattuun yeroo jalqabaaf Finfinnee daawwatte akka jettutti, magaalattiin baay’ee ammayyaafi bareedduu taatee argamti; keessumaa misoomni daa’immaniifi imaltoota miilaaf mijeeffamee hojjetame baay’ee ishee dinqisiisuu eerteetti.

Daawwattuun biraanis Finfinneen bakka magariisaa, wiirtuu bashannana uummataa, paarkiiwwan daa’immanii fi misooma qarqara lagaa irratti jijjiiramni guddaa galmeessite magaalota biroof fakkeenya ta’uu danda’a jechuun ibsiteetti.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee yeroo garaagaraatti akka ibsanitti, magaalattiin bakka magariisaa, bu’uuraalee misooma bashannanaa fi eegumsa hambaalee seenaafi aadaa irratti invastimantii guddaa taasisaa jirti.

Kunis karoora Finfinnee giddu gala dippiloomaasii Afrikaa taate uumuu keessatti shoora olaanaa qabaachuun jijjiirama qabatamaas agarsiisaa jira.
Har’a bu’aan jijjiirama guddaa Finfinnee, misoomni magariisaafi misoomni qarqara lagaa karoora ammayyaa waliin wal simee Afrikaa keessatti fakkeenya hojii deebisanii misoomsuu magaalaa keessaa isa guddaa ta’ee akka mul’atu taasiseera.
Taammiraat Bishoowutiin