AMN PLUS- Waxabajjii 02/2018
Manni Maree Ministootaa walgahii idilee 56ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota adda addaa irratti mari’achuun murteewwan armaan gadii dabarseera.
1. Hammattoo Diinagdee Gooroofi Fiiskaalaa Yeroo Giddugaleessaa (2019-2023)
Manni marichaa jalqaba irratti Hammattoo Diinagdee Gooroo fi Fiiskaalaa Yeroo Giddugaleessaa (2019-2023) irratti mari’ateera.
Erga fooyya’iinsi diinagdee gooroo guutuun hojiirra oolee as, diinagdeen Itoophiyaa hudhaalee keessa ture keessaa bahaa fi bu’uraaleen diinagdees cimsamaa dhufaniiru.
Hammattoon kun bu’aa jajjabeessaa fooyya’iinsa diinagdeetiin argame caalaatti cimsee itti fufsiisuuf fi tilmaamoota diinagdee gooroo fi fiiskaalaa ijoo irratti hundahuun, qophii baajata mootummaa federaalaa kan bara baajataa 2019f ka’umsa akka ta’u qophaa’ee dhiyaate.
Manni marichaas haammattoo kana irratti bal’inaan erga mari’atee booda hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.
2. Wixinee Labsii Baajata Mootummaa Federaalaa Bara Baajataa 2019
Dhumarratti, manni marichaa wixinee labsii baajata mootummaa federaalaa kan bara baajataa 2019 irratti mari’ateera.

Baajanni mootummaa federaalaa kan bara 2019: Karoora misoomaa fi investimentii bara 2019-2021 hammattoo diinagdee gooroo fi fiiskaalaa yeroo giddugaleessaa (2019-2023) irratti hundaa’uun, Raawwii baajata sagantaa kan bara baajataa 2018 bu’uura godhachuun,
Kallattiiwwani fi kaayyooli transformershinii hawaas-diinagdee gara fuulduraa fi galmawwan mootummaan kaayyeffate milkeessuuf dandeettii faayinaansii mootummaa fi baasii manneen hojii raawwachiiftuu hojii fi itti gaafatamummaa kennameef waliin madaaluun qophaa’ee dhiyaateera.
Haaluma kanaan, baasiiwwan idilee, baasiiwwan kaapitaalaa, deeggarsa mootummoota naannoo fi deeggarsa raawwii galmawwan misooma waaraan (SDGs) kan oolu baajanni Birrii 2,339,268,126,738 (Tiriiliyoona lama, biliyoona dhibba sadii fi biiliyoona soddomii sagal, miiliyoona dhibba lama fi Miiliyoona jaatamii saddeet, kuma dhibba tokko fi Kuma digdamii ja’a, dhibba torba fi soddomii saddeet) mana marichaaf dhiyaateera.
Manni marichaas wixinee labsii baajata mootummaa federaalaa bara 2019 dhiyaate irratti bal’inaan erga mari’atee booda, yaada gabbistoota itti dabaluun akka gara Mana Marii Bakka Bu’oota Uummataatti darbu sagalee guutuun murteesseera.