Daa’imman reefu dhalatan yeroo baay’ee balaa du’aatiif saaxilamoodha. Rakkoo akkasii xiqqeessuuf furmaaatni…jedhu ogeeyyiin fayyaa!

You are currently viewing Daa’imman reefu dhalatan yeroo baay’ee balaa du’aatiif saaxilamoodha. Rakkoo akkasii xiqqeessuuf furmaaatni…jedhu ogeeyyiin fayyaa!

AMN PLUS – Waxabajjii 02/2018

Daa’imman reefu dhalatanii umrii ji’a tokkoo gadii dhiibeewwan dursanii ittisuun danda’amun miidhamaa akka jiran saayinsiin fayyaa ni ibsa.

Qorannoon akka agarsiisutti %80 kan ta’an daa’imman kichuun dhibeewwan dursanii ittisuu dhabuun lubbuun isaanii akka gaga’amaa jiru mirkaneessa.

Hospitaala Hadhoolii fi Daa’immanii Abbabeech Goobanaatti Ispeeshaalistiin dhibee da’immanii Dr. Ermiyaas Geetaachoo turtii AMN waliin taasisanin sababoota du’aatii daa’immaniif yeroon isaa osoo hin ga’iin dhalachuu (Prematurity), hir’ina ulfaatinaa (Low birth weight), ukkaamfamanii dhalachuu fi Infeekshinoota garaagaraa akka ta’an ibsaniiru.

Daa’imman turtii ulfaa ji’a 9fi guyyoota kudhan keessatti dhalachuu osoo qabanuu yeroo tokko tokko yeroo malee ji’a 7fi 8tti kan dhalatan salphumatti miidhamuu akka danda’an Dr. Ermiyaas himaniiru.

Ulfaatinni daa’ima fayyaa guutuun dhalatani KG 2.5 hanga 4 gidduu yoo ta’u, yeroo tokko tokko ulfaatina KG 2.5 gadiin ni dhalatu. Keessattu ulfaatina KG 1.5 gadiin daa’imman dhalatan salphumatti balaaf saaxilamuu akka danda’an ibsameera.

Infeekshiniiwwan adda addaa fi ukkaamfamanii dhalachuun daa’immani balaaf saaxiluu akka danda’anis eeraniiru.

Akkuma ‘mammaaksan haati koo waa hundaa naaf beektee dheebochuu koo dagatte jedhamu,rakkoo daa’immaan kichuu beekuun kan rakkisu dhukkubsachuu isaaniillee yoo mallattoolee isaan mul’isaniin beekan malee daa’imman kichuun waa himachuu akka hin dandeenye ibsameera.

Haaluma kanaan daa’imman kichuun yoo dhukkube mallattoolee kanneen akka fedhii harma hodhuu dhabuu ykn guutummaatti diduu, dafani dafanii harganuu, amala jijjiirrachuu, qaamni hoollachuu fi dhahannaan onnee yoo dabale daa’imman dafanii mana yaala geessun murteessa akka ta’e ibsaniiru,

Daa’imman yeroo maleefi ulfaatina gadii aanaan yoo dhalatan ho’a qaamaa isaanii eeggachuu waan hin dandeenyeef hanga ulfaatinni isaanii dabaluutti inkubeetara (meeshaa ho’a eegsiftuu daa’immanii) keessatti hordoffii fi kununsi taasifamuufi akka qabu Dr.Ermiyaas dubbataniiru.

Rakkoo hargansuu yoo isaan mudate oksiijinin deggaruun akka barbaachisuu ibsuun, nyaatas dafanii fudhachuun waan isaan rakkisuuf bifa gilukoositiin kennuun hordoffii cimaan akka barbaachisus himaniiru.

Du’aatii daa’imman kichuu hambisuuf ulfaan dura haati qorannoo fayyaa taasisuu akka qabduufi erga ulfi uumamee boodas hordoffi cimaa taasisuu akka qabdu Dr. Ermyaas turtii AMN waliin taasisanin ibsaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply