Addaan citinsa annisaa Elektirikaa akka biyyaatti mudatu xiqqeessuuf hojiin dursanii to’achuufi bu’uuraalee misoomaa babal’isuu hojjetamaa jira jedhe Tajaajilli Elektirikaa Itoophiyaa

You are currently viewing Addaan citinsa annisaa Elektirikaa akka biyyaatti mudatu xiqqeessuuf hojiin dursanii to’achuufi bu’uuraalee misoomaa babal’isuu hojjetamaa jira jedhe Tajaajilli Elektirikaa Itoophiyaa

AMN PLUS – Waxabajjii 02/2018

Tajaajilli Elektirikaa Itoophiyaa addaan citinsa Annisaa Elektirikaa hir’isuuf hojiiwwan hanga ammaaatti hojjatamaniifi qophii waqtii gannaa ilaalchisuun ibsa kenneen dhiyeessiin annisaa gahaaniifi sararri daddabarsa Elektirikaa ammayyaa’aan akka jiraatuuf hojiiwwan qulqullina qaban hojjetamaa turuu Hoji Raawwachiisaan Bulchiinsa Bu’uuraalee Misooma Elektirikaa Gabayyoo Likkaasaa (PhD) dubbataniiru.

Tajaajilli Elektirikaa Itoophiyaa addaan citinsa Elektirikaa dursanii to’achuufi bu’uuraalee misoomaa Elektirikaa babal’isuu fi gochoota hannaa bu’uuraalee misoomaa galteewwan tajaajilichaarratti raawwataman hambisuuf qaamolee dhimmi ilaalu waliin qindoominaan hojjetaa jiraachuus hoji raawwachiisichi himaniiru.

Keessattuu utubaawwan /Pooliiwwan/ dullooman jijjiiru, tiranisfoormaroota hojiin ala ta’an bakka buusuufi kanneen supha barbaadan suphuun addaan citinsa hir’isuu dandeenyeeraas jedhaniiru.

Hojiiwwan kuneen madda baajataa mataa isaafi deeggarsaan argamaniin kan hojjataa jiru ta’uu Tajaajilichi ibseera.

Dhaabbatichi hojiiwwan bu’uuraalee misoomaa Elektirikaa babal’isuu gulantaawwan garaagaraatti qooduun hojjataa jiraachuufi tarsimoo magaalota biyyatti gareewwan garaagaraatti qooduun kan dursa barbaaduuf dursa kennuun yeroo gabaabaa keessatti dhiyeessii Elektirikaa amansiisaa ta’e biyyatti keessatti diriirsuuf hojjataa jiraachuu hoji-raawwachiisichi himaniiru.

Piroojektoota jalqabaman xumuruu, kanneen karoora irra jiraniif madda baajataa barbaaduun jalqabsiisuu, hojiiwwan ammayyoomsuu cimsanii itti fufuu, rakkoowwan hannaafi mancaatii bu’uuraalee misoomaa Elektirikaa irra gahan hawaasa waliin ta’uun ittisuuf cimsinee kan hojjannu ta’aas jedhaniiru.

Qophii gannaa kanaaf taasifamu keessatti pirojektoota ijaarsa irra jiran keessattuu warreen pooliin isaanii dhaabbatan hanga waxabajjii 30/2018’tti diriirsan xumuruuf hojjataa jiraachuus Dooktar Gabayyoon himanii, hojiiwwan waliin gahinsaa kana wayiita hojjannu rakkoon addaan citinsaa mudachuu waan danda’uuf rakkina yeroo gabaabaa obsuun furmaata waaraaf hawaasni obsaan nu eeguu qabanis dhaamsa dabarsaniiru.

Gabaasni kan Bayyanaa Taaddasaati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply