MM Abiyyi Ahimad (PhD) miseensota Mana Maree Ministirootaa waliin hojiiwwan teeknooloojii ijaarsa manneenii daawwatan

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad (PhD) miseensota Mana Maree Ministirootaa waliin hojiiwwan teeknooloojii ijaarsa manneenii daawwatan

AMN PLUS- Waxabajjii 02/2018

Walga’ii Mana Maree Ministirootaa hordofuun, meeshaalee teknoolojii baay’ee ammayyawaa fi saffisaa ta’anitti fayyadamuun manneen ijaaraman kan agarsiisu saayitii ijaarsaa daawwanneerra jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD).

Saayitii kanatti maloonni ijaarsaa sadarkaa olaanaa sadii walitti makamuun hojiirra oolaniiru; isaanis: 3D, ijaarsa sibiila salphaa dursee qophaa’u fi manneen jireenyaa koonteeynerii ti.

Ijaarsi kunniin tokkoon tokkoon isaanii, teknoolojii sirrii yeroo fayyadamnu saffisni fi qulqullinni wal kan hin faallessine ta’uu isaanii kan mirkaneessan yoo ta’u; manneen jireenyaa qulqullina isaanii eeggatan ji’oota fi waggoota keessatti utuu hin taane, guyyoota fi torbanoota muraasa keessatti ijaaramanii xumuruun akka danda’amu ragaa dha jedhan.

Kalaqni sadarkaa olaanaa akkasii kun kutaalee biyyattii kamiyyuu keessatti salphaatti hojiirra ooluu, irra deebi’amuu fi babal’achuu kan danda’u waan ta’eef, kallattii sagantaa misooma manneen biyya keenyaa sadarkaa olaanaadhan jijjiiruuf humna guddaa qaba jedhaniiru.

“Teknoolojii mul’ata biyyaalessa keenya wajjin qindeessineerra; hojiileen keenya qabatamaan mul’atan akkasii ammoo guddina saffisaa biyyaaf malu dhugoomsuuf kallattii sirrii irratti kutannoodhaan deemaa akka jirru gochaan argisiisaniiru” jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply