Ganama har’aa raawwii hojiiwwan misooma kooriidarii marsaa sadaffaatiin jalqabne fi kiilomeetira 13.4 uwwisu gamaggamneerra
Misoomni kooriidarichaa sararoota kooriidarii shanitti qoodamuun hojjetamaa kan jiran yoo ta’u, isaanis:
1- Boolee Madhaaniyaalamiirraa hanga Golagolitti: (Daandii Boolee Atlaas daandii addabaabayii Masqalaa-Magganaanyaa waliin kan wal qunnamsiisu)
2- Golagolirraa hanga Imbaasii Ingiliziitti: (Daandii Qabanaa-Maggaanaanyaa daandii addabaabayii Masqalaa-Maggaanaanyaa waliin kan wal qunnamsiisu)
3- Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa Booleerraa MOENCO keessaan hanga daandii Boolee Maggaanaanyaatti: (Daandii Boolee Atlaas daandii Boolee Magaannanyaa waliin kan wal qunnamsiisu)
4- Impeeriyaalirraa Istadiyeemii Aday Ababaa keessaan hanga Paarkii Shaalaatti
5- Wuhaa Limaat Atlaas kan jiru fi Atlaasirraa hanga Boolee Ruwaandaatti: (Daandii Boolee Atlaas daandii addabaabayii Masqalaa-Maggaanaanyaa waliin kan wal qunnamsiisu)

Ijaarsi kunneen neetwarkii daandii sadarkaa ol’aanaadhan kan bal’isan, dhaabbilee daldalaa, daandii miillaa bal’aa, daandii saayikilii kan hammatan fi tajaajila tiraanspoortiitiif mijataa akka ta’an taasifamaa ijaaramaa jiru.

Kana malees, ijaarsota tajaajila uummataa hedduu kan hammate yoo ta’u, adeemsi ijaarsichaas haala gaariirra jira.
Naannoo Istadiyeemii Aday Ababaatti ijaarsi kooriidarii fi bu’uuraalee misoomaa biroo kanaan dura jalqabaman saffisaa fi qulqullinaan akka raawwataman gochuun cimsee itti fufeera.

Kooriidarichaan alatti, iddoo baroota hedduuf irranfatamee ture, uummatarraa fudhatamee seeraan ala dhuunfaadhan qabatamee fi manca’iinsa guddaaf saaxilamee ture tajaajila uummataatiif akka oolu godhamee hojjetamaa jira.
Proojektonni kunneen hanga dhuma ji’a Waxabajjiitti guutummaatti xumuramanii tajaajilaaf akka oolan xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira.