AMN PLUS – Waxabajjii 02/2018
Ilmaan Tuulama sadeenii miseesotni Gadaa Meelbaa miseensota Gadaa Michillee/Muudanaatiif Ardaa Jilaa Dhakaa Koraatti Alangee Gadaa dabarsaa jiru.
Sirni aangoo dabarsuu Gadaa Tuulamaa marsaa 71ffaan Waxabajjii 04 bara 2018 miseensa Gadaa Muudanaatti Ardaa Jilaa Dhakaa Koraatti kan dabarfamu yoo ta’u, ilmaan sadeen Tuulamaa Daaccii, Bachoofi Jiillee warri miseensa Gadaa Muudanaa ta’an dursanii lafa Ardaa Jilaa kanatti godaanu.

Aangoo Gadaa kana dabarsuuf waggaa lama dura sirnoota garaagaraa rawwachaa kan turan yoo ta’u, giddu gala Tuulamaa kan ta’e Odaa Nabeetti walgahuun seerota fooyya’uu qabuufi itti dabalamurratti mari’ataa turaniiru.
Barana baatii caamsaa darbe keessa seerota Odaa Nabeetti waggaa lama dura lallabame irra deebiin Ardaa Jilaa Caffee Tumaa irratti mari’achuun waggoottan saddeettan itti aanan kanatti seerota hojiirra oolan mirkaneeffatu.
Miseensa Meelbaa ilmaan Bachoo keessaa Miseensa saglii Gadaa Tuulamaatti Abbaan Alangaa Fiqaaduu Abarraa Waxabajjii 01-04/2018’tti hanga aangoon darbutti Ardaa Jilaa Tuulamaa Dhakaa Koraatti sirnootni adda addaa akka raawwatamu ibsaniiru.

Gumaanni dhangaan nyaataa, aadaan uffannaa akkasumas qaama sirnaa kan ta’e faaruun/sirbootni kanneen akka absaalli foollee, dooriyyoo, geerarsi dhaadannoo fi kanneen biroon hedduun akka jiran ibsameera.
Miseensa Meelbaa ilmaan Jiillee keessaa Miseensa saglii Gadaa Tuulamaatti Abbaan Maatii Gadaa Dagaagaa miseensotni gadaa shananituu gahee mataa isaanii akka qaban kan himan hunduu dabareedhaan gahee irratti argaman akka waliif dabarsan ibsaniiru.

Miseensotni Gadaa shanan dabareedhan waggoota saddeeti saddeetiin wal-morkii tokkomalee haala dimokiraataawaa ta’een aangoo gadaa waliif dabarsu.
Tuulamaa sadeen birattis miseensotni Gadaa shanan kan amma aangoo dabarsu Meelbaa, kan ammaa aangoo fudhatu Michillee/Muudana, Duuloo, Roobalee fi Birmajii jedhamuun waamamu. Miseensotni Gadaa shanan kunneen sadarkaa irra jiranitti hunduu gahee hojii mataa isaanii kan qaban yoo ta’uu yeroo ammaa aangoo walii dabarsan kanas akkuma wal duraa duuban gahee itti aanuutti waliif dabarsaa deemu.
Haaluma kanaan Meelbeeny aangoo dabarsuun hayyuu yoo ta’u, hojiin isaaniis gorsaafi gadaa qajeelchuudha. Muudanni warri Gadaa fudhatu ammo sirna bara Gadaa isaanii kana kabaachiisuudha.

Miseensi Duuloo lubooma yoo fudhatan Gadaa jiituudhaan lafa ulfoo malkaa fi tulluu eegu. Roobaleen sadarkaa Foollee irratti kan argamu akka raayyaa ittisaatti sirna gadaa eega. Birmajiin ammoo sadarkaa guulaa irratti kan argamuu of duratti sadarkaa dabballeetti guddata.
Sirni Gadaa Oromoo sirna Siyaasa, Dinagdeefi Hawaasummaa Oromoon Addunyaaf gumaache keessaa isa tokko yoo ta’u, Sirna Calaqqee eenyummaa, Afaan, Seenaa, Safuufi Siyaasa Oromooti.

Sirna waggoottan hedduuf Uummatni Oromoo kalaqee sirnoomsee ittiin walbulchaa ture kana sirnootni adda addaa balleessuuf yaalanis hawaasa isaa keessatti hidda waan gadii fagaateef iddoo tokko tokkootti haa laafu malee baduu akka hin dandeenye, hin yaadamnees sirni amma aangoo karaa dimokiraatawaan ittin waliif dabarsaa jiran kun ragaadha.
Gosti Tuulamaa sadeenis sina Gadaa isaanii Ardaa Jilaa Dhakaa Koraa lafa amma Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaan keessatti argamutti Waxabajjii 04/2018 miseensotni Meelbaa miseensota Muudanaaf aangoo dabarsanii kennu.
Shuumii Badhaasootiin