AMN PLUS- Waxabajjii 03/2018
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moondiin baga gammaddan jedhan.
Naareendiraa Moodiin seenaa Hindii keessaatti hogganaa bara dheeraaf tajaajilan ta’uu isaanii hordofee Dooktar Abiyyi ergaa baga gammaddanii kana dabarsaniifiru.
“Obboleessa koo jaallatamaa Kabajamoo Naarandiraa Moodii, dimookiraasii dammaqaa hawaasa addunyaa keenyaaf isa guddaa ta’een Hindi mul’ataa fi kutannoodhaan walitti aansuun baroota hojii dimookiraasii sadiif gaggeessuun milkaa’ina seena qabeessa galmeessistaniif gammachuu guddaan natti dhaga’ame nan ibsa.” jedhan.