AMN PLUS – Waxabajjii 03/2018
Faawundeeshiniin Artiist Haacaaluu Hundeessaa Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa 5ffaa Waxabajjii 22 adeemsifamu ilaalchisuun ibsa kenneera.
Hoji Geggeessituun Faawundeeshinichaafi Haati Warraa Artiist Haacaaluu Hundeessaa Faantuu Damissoo, Yaadannoo wareegama waggaa 6ffaafi Badhaasa 5ffaa Haacaaluu Hundeessaa irratti sirboota Bitootessa 22/2017 hanga Bitootessa 21/2018tti ba’an akka dorgomsiifaman ibsite.
Badhaasichi dameelee 11’n kan waldorgomsiise ta’uu himuun, badhaasa dame deeggarsaa ‘Music Care’ fi badhaasa umurii guutuu ‘Life Time’ dabalatee akka badhaasullee erteetti.

Haacaaluun yeroo lubbuun jiru warra dagataman waan yaadataa tureef leegaasii kana itti fufsiisuuf faawundeeshinichi waggaa waggaan artiistota dagatamaniifi rakkoofi dhibee garagaraa keessa jiran akka deeggarus Aadde Faantuun himteetti.
Albamii muuziqaa 3 fi sirbootni 250 calalliif kan dhiyaatan yoo ta’u, isaan keessaas ogeeyyiin calaluun abbootii seeraaf dabarsuu beeksisteetti.
Abbootiin seeraa 32 irratti hirmaachuu eeruun, calallii keessa darbuun sirboonni dameelee isaanii keessaa xumuraaf dhaqqaban 5 uummataaf akka ifooman ibsite.

Adeemsa murtii keessatti sagaleen uummataa %10 dameelee 6 irratti kan kennamu yoo ta’u, %90 ammoo qabxii abbootii murtii akka haguugu ibsite.
Artiist Haacaaluun “Seenaa Rirmi Hin Nyaatu” akkuma jedhe Faawundeeshiniin Hacaaluu Hundeessaa seenaafi labata Hacaaluu itti fufsiisuuf hojjetaa jiraachuu beeksiste.
Tagany Bafiqaaduutu gabaase