Imala Waancaa Addunyaafi Paan-Afrikaanizimii Kubbaa Miilaan Gamatti!

AMN PLUS – Waxabajjii 03/2018

Waancaan Addunyaa namoota tokko tokkoof dorgommii ispoortii qofa ta’uu danda’a; garuu Afrikaanota hedduudhaaf sanarra kan darbe hiika gudda qaba.

Dorgommiin kun mallattoo tokkummaa, kabajaa fi eenyummaan biyyoota Ardii Afrikaa kan itti calaqqisiifamu yaadamni Paan-Afrikaanizimii (Pan-Africanism) kan keessatti mul’atuudha.

Gaaffiin Waancaan Addunyaa fi sochiin Paan-Afrikaanizimii akkamitti wal-qabata jedhu asitti ka’uu mala.Dubbichi akka itti aanuudha!

o Tapha Waancaa Addunyaa 1966

Taphni Waancaa Addunyaa Bara 1966 qopheessummaa Ingiliziin gaggeeffame Ardiilee Afrikaafi Eeshiyaaf baay’ee ulfaataa ture.

Sababni isaa ammoo bakki hirmaannaa kennameef tokko tahuun akkamiin haa hirmaatan?

Murtii kana Afrikaanotni hedduun loogii jechuun kan morman yoo tahu Kiwaamee Nikiruumaa lammiin Gaanaafi namni jabaa Ardii Afrikaa haa badan kun nuuf hin malu jechuun kanneen gocha FIFA fuuldura dhaabbachuun qabsaa’an keessaa tahuu seenaan dhugaa baha.

Kanaaf biyyootni Afrikaa 15 wal ta’uun dorgommicharratti sagalee isaanii dhageessisan.

Tokkummaan isaanii fi murannoon isaanii FIFA irratti dhiibbaa uumee, bara 1970 irraa eegalee Afrikaan akkuma Ardiilee biroo bakka hirmaannaa waancaa Addunyaa of-danda’e akka qabaattu taasiseera.

Kunis injifannoo guddaa Paan-Afrikaanizimii keessaa tokko tahuun galmaa’era.

o Yeroo Afrikaan Tokko Taatutti

Yommuu Afrikaan gaaddisa Paan Afrikaanizimii jalatti akka qaama tokkootti socho’uun tapha Waancaa Addunyaa irratti hirmaattu garaagarummaan daangaa fi siyaasaa yeroo baay’ee dagatama.

Kanaafis agarsiiftuun taphoota Waancaa Addunyaa darban keessaa;

• Bara 1990 yeroo Kaameeruun seenaa hojjette

• Bara 2002 yeroo Seenegaal Faransaay injifatte

• Bara 2010 yeroo Gaanaan walakkaa xumuraaf darbuuf falmatte

• Bara 2022 yeroo Morookoon Afrikaaf seenaa haaraa katabde

Afrikaanotniifi hawaasni hidda dhalootaa Afrikaa qaban biyyoota Addunyaa Ardii Afrikaan ala jiraatan sagalee tokkoon “Afrikaa!” jechuun deeggaraniiru.

Kunis ispoortiin daangaa namtolcheen gamatti uummatoota walitti fiduu akka danda’u agarsiisa.

o Morookoofi Ergaa Tokkummaa Afrikaa!

Waancaa Addunyaa Kuwaataar 2022 irratti Morookoon yeroo hojii ajaa’ibaa hojjetetti, taphattootniifi leenjisaan isaanii Waliid Reegraaguuy “Nuti Afrikaaf taphanna” jechuun Afrikaanota biroo dammaqsaniiru.

Kunis Afrikaan Ardii tokko taatus akka maatii tokkootti socho’uun Addunyaan hubannoo isaanii walooma qabu jedhu akka argattu taasiseera.

Kana biratti dabalataan yaadota biyyoota Kaaba Afrikaa akka waan Afrikaan ala tahanitti tilmaamuu ture guutuummaatti jijjiiruun seenaa bu’uura qabu kaa’era.

o Aadaa Afrikaanotaa Addunyaatti Beeksiseera!

Waancaan Addunyaa aadaa, sirba, miidhaginaa fi eenyummaa Afrikaanotaa baasee biyyoota Addunyaatti mul’iseera.

Sagalee guddistuu uummata Afrikaa Kibbaa biratti beekamu ‘Vuvuzelaa’ irraa eegalee hanga sirna kabaja injifannoofi shubbisa deeggartootaaatti, Afrikaan addunyaatti ofiin boonuu akka dandeessu taasiseera.

Imalli Afrikaan Waancaa Addunyaa keessatti taasiftu seenaa bilisummaa, walqixxummaa, obsaa fi eenyummaa waloo kan ibsudha. Carraafi tattaaffiin Afrikaanotni dirree irratti agarsiisan hundi yaadamni Paan-Afrikaanizimii kaleessas kan ture, har’as kan jiru, boriifillee darbee kan jiraatu tahuu mirkaneessa.

Yaada kanarratti isin maal jettu? Seenaa Waancaa Addunyaa keessatti tapha isa bara kamiituu tokkummaa Afrikaanotaa cimaa keessa keessanitti uume? Yaada keessan gudunfuu dandeessu!

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply