MIDROC industirii hoteelaa babal’isuuf Korporeeshiinii Faayinaansii Addunyaa (IFC) waliin waliigaltee liqii doolaara miiliyoona 80 mallatteesse

You are currently viewing MIDROC industirii hoteelaa babal’isuuf Korporeeshiinii Faayinaansii Addunyaa (IFC) waliin waliigaltee liqii doolaara miiliyoona 80 mallatteesse

AMN PLUS- Waxabajjii 03/2018

Gareen Invastimantii MIDROC fi Korporeeshiiniin Faayinaansii Addunyaa (IFC) waliigaltee liqii doolaara Ameerikaa miiliyoona 80 mallatteessan.

Akka waliigaltechaatti, Korporeeshiiniin Faayinaansii Addunyaa (IFC) Garee Invastimantii MIDROC-tiif liqii yeroo dheeraa doolaara Ameerikaa miiliyoona 80 ni dhiyeessa.

Maallaqa kanaan, MIDROC Hoteela ‘Sharaton Addis Luxury Collection’ haala ammayyaatiin kan haaromsu yoo ta’u, sadarkaa Shaarataniitiin hoteela haaraas ni ijaara.

Waliigaltee liqii kana Hoji-gaggeessaan Olaanaa Garee Invastimantii MIDROC Obbo Jamaal Ahimad fi Itti-aanaan Pireezidaantii Korporeeshiinii Faayinaansii Addunyaa (IFC) Damee Afriikaa Itoophiis Taffarraa, Naayiroobitti mallatteessaniiru.

“Dhaabbata faayinaansii addunyaa kana waliin michumma faayidaa biyyaalessaa guddaa qabu uumuu keenyatti dinqisiifannaa qabnu ibsuu barbaadna,” kan jedhan Obbo Jamaal, michoomni kun damee hoospitaalitii (keessummeessaa) biyyattii ammayyeessuu fi Itoophiyaa keessatti carraa hojii ittifufiinsa qabu cimsuu keessatti gahee guddaa akka qabu ibsaniiru.

Itti-aanaan Pireezidaantii IFC Damee Afriikaa Itoophiis Taffarraa, Gareen Invastimantii MIDROC damee tajaajilaa caalaatti akka ammayyeessuu fi carraa hojii dabalataa akka uumu waliigaltee irra gaahamuu ibsaniiru.

Maallaqa IFC irraa argamu kanaan, Hoteelli ‘Sheraton Addis Luxury Collection’ haala yeroo wajjin deemuun kan haaromfamu yoo ta’u, maqaa daldalaa (brand) Sharaaton kanaan hoteelli haaraas dabalataan ni ijaarama.

Itoophiyaan yaa’ii jijjiirama qilleensaa addunyaa 32ffaa keessummeessuuf filatamuu ishee hordofee, MIDROC hoteela ‘Moxy by Marriott’ Mooraa Galma Barkumee keessatti, hoteela Four Points Ganda jireenyaa Mahammadiyaatti ijaarsi isaa jalqabameera.

Hoteela Waabii Shabalee dhiyeenya kana maatii MIDROC sitti makame, yaa’ii kanaaf qophii gochuuf qabiyyee seenaa isaa eeggatee hojiin haaromsa isaa jalqabameera.

Hoteela Westin Addis gamoo Gamtaa Afriikaa biratti ijaaramaa jiru ammoo hojiiwwan hafan xumuruuf irratti hojjetamaa jiraachuu ibsa AMN f ergeen beeksiseera.

Magaalota Biroo Keessatti akka Baahir Daaritti Jimma fi Hawaasattis haaluma walfakkaatuun hoteelota Four Points ijaaraa jira.

Riizortii Langano Savannah MIDROC bituun kan dhuunfate yoo ta’u, sadarkaa braandii Maariwootitti rizoortii sadarkaa idil addunyaa ijaaruuf akka jedhu ibse.

Gareen Invastimantii MIDROC dameewwan indaastirii (manufacturing), qonnaa, albuudaa, daldalaa fi hoospitaalitiitiin bobba’uudhaan lammiilee kuma 80 ol ta’aniif carraa hojii uumuu kan danda’e ta’uu ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply