Asamohaa Jiyaan yeroo argitan maaltu sammuutti isin dhufa? Taphataa Afriikaa Waancaa Addunyaa irratti goolii hedduu lakkoofsise moo bara 2010 taphataa Uraagaayi irratti rukuttaa adabbii fashaleesse yaadattu?

You are currently viewing Asamohaa Jiyaan yeroo argitan maaltu sammuutti isin dhufa? Taphataa Afriikaa Waancaa Addunyaa irratti goolii hedduu lakkoofsise moo bara 2010 taphataa Uraagaayi irratti rukuttaa adabbii fashaleesse yaadattu?

AMN PLUS- Waxabajjii 03/2018

Mootota Dirree Addunyaa: taphattoota Afriikaa Waancaa Addunyaa irratti goolii hedduu lakkoofsisan yeroo kaasnu taphattootni Lixa Afriikaa warreen hangafaati.

Yeroo Waancaan Addunyaa FIFA 2026 eegalamu, seenaa kubbaa miilaa keessatti boqonnoon haaraan barreeffamuuf jedha.

Biyyoota Afriikaatiif, dorgommiin kun addunyaa dinqisiisuufi milkaa’ina seena qabeessa Morookoo bara 2022 dorgommii Haga walakkaa xumuraatti galmeessite irratti seena biraa katabuuf carraa biraati.

Kubbaan jalqabaa bor dhiitamuu isaa dura, abdii ardii kanaa baatanii maqaa isaanii galmee seenaa dorgommii kanaa keessatti kan barreessan taphattoota beekamoo sana duubatti deebinee ilaalla.

Taphattoota Afriikaa seenaa Waancaa Addunyaa FIFA keessatti goolii hedduu galchuun sadarkaa duraa sadii irratti argaman asitti dhiyaatanii jiru.

Asamohaa Jiyaan Gaanaa irraa taphoota Waancaa Addunyaa 11 irratti goolii 6 lakkoofsisuun 1ffaa yoo ta’u bara 2006, 2010, 2014 hirmaateera.

Roojer Miilaa Kaameruun waliin Bara 1990 fi 1994 taphoota 10 irratti goolii 5 lakkoofsisuun 2ffaa yoo ta’u Ahimad Muusaa Naayijeeriyaa irraa bara 2014 fi 2018 taphoota 7 irratti goolii 4 lakkoofsisuun 3ffaadha.

Asamohaa Jiyaan yeroo argitan maaltu sammuutti isin dhufa? jennee turre. Hedduun lammiilee Afriikaa tapha nuusa xumuraa Gaanaa fi Uraagaayi bara 2010 taasisan irratti taateewwan mudataniin yaadatu ta’a.

Afriikaarraa biyyi yeroo jalqabaaf Walakkaa Xumuraaf darbuuf qarqara irra geesse Gaanaan Uraagaayi irratti goolii daqiiqaa xumuraa irratti yaalte Luwiis Suwaareez harkaan deebisuun rukuttaa adabbiifi kaardii diimaan dirreerraa gaggeeffame.

Rukuttaa Adabbii sana waliin onneen Afriikaanotaa Asamohaa Jiyaan waliin turte. Garuu osoo hin fayyadamin hafe. Seenaan katabamuuf tures osoo hin milkaa’ina hafe. Garuu Jiyaan waltajjii Waancaa Addunyaa irratti Gaanaa qofaaf osoo hin taane Afriikaa maraaf goota yoo jenne sababa gahaa qabna.

Mootii Afriikaa kan Waancaa Addunyaa irratti mormii hin qabne Jiyaan dorgommiiwwan walitti aanan sadii keessatti garee “Black Stars” biyya isaatiif taphataa murteessaa fi dandeettii addaa qabu ture.

Goolii galchuu irratti jabinni isaa bara 2006 goolii 1, dorgommii seena qabeessa Afriikaa Kibbaa 2010 irratti si’a sadii, fi bara 2014 ammoo ammas si’a lama galchuun waliigalaa goolii 6’n 1ffaarra jira.

Jiyaaniif garuu kabajni maluuf hin kennamne yoo jenne arbeessuu hin ta’u.

Roojer Miilaan Kaameruun waliin Bara 1990

Waancaa Itaaliin qopheessite irratti yoo hirmaatu umrii waggaa 38 ture. Garuu goolii afur galchuun addunyaa rifachiise.

“Indomitable Lions” Leencota hin jilbeenfanne, warra Kaameruun gara sadarkaa seena qabeessa dorgommii nuusa xumuraa kan geesse yoo ta’u, goolii galche hundumaas shubbisa isaa beekamaa qarqara rukuttaa rogaarra alaabaa dhaabamtu biratti godhuun kabajeera.

Waggaa afur booda Ameerikaa keessatti, umrii waggaa 42tti ammas goolii galchuun, seenaa Waancaa Addunyaa keessatti taphataa umrii deemeen goolii galche ta’uun seenaa isaa katabeera. Goolii 5’n 2ffaan isa.

Ahimad Muusaa Naayijeeriyaa irraa taphataa tapha gurguddaa, kan Waancaa Addunyaa irratti baay’ee sodaatamaa dha. Saffisa isaa akka risaan fi dandeettii dhibbaa jabaa jalatti tasgabbaa’uun beekama.

Muusaan goolii Waancaa Addunyaa 4 kan lakkoofsise taphoota lama irratti dha.

Jalqaba bara 2014 tapha garee Arjantiinaa irratti goolii lama, boodas bara 2018 Ayislaandi irratti goolii lama galchuun garee sana diige.

Maarree dhaloonni itti aanu waa eeggachaa jira. Waancaa Addunyaa gareewwan 48tti bal’ate bara 2026 kun biyyoota Afriikaa baay’eedhaaf carraa bal’aa waan kennuuf, urjiiwwan akka Yuusuf En-Nasiirii biyya Marookoo irraa amma goolii 3 qabu gonfoo seenaa Jiyaan hordofuuf dhiyoo jiru.

Tagany Bafiqaaduuti Qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply