AMN PLUS – Waxabajjii 03/2018
Waancaan Addunyaa qopheessummaa Ameerikaa, Meeksikoofi Kanaadaan gaggeeffamu eegaluuf guyyaa tokko qofaatu hafe.
Seenaa keessatti yeroo jalqabaaf biyyoota 48 kan hirmaachiisu taphichi waliigalaan taphattoota 1,248’f carraa garasitti imaluu kenneera.
Taphattoota lakkoofsaan hedduu tahan kanneen keessaa 891 yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaa irratti hirmaachuuf warreen carraa argatan tahuu ifoomera.
Waltajjii guddaa kubbaa miilaa kana irratti taphattoota dargaggoota gahumsaafi dandeettii qaban sirriitti baasanii mul’isuun eegaman hedduu keessaa BBC ispoortiin muraasa isaanii balballoomseera.
o Yaan Diyoomandee (Kootidivaar)

Taphataa sarara fuulduraa kilaba RB Leepizhiig kan ta’e Yaan Diyoomandee kilaboota gurguddoo Awurooppaa hedduun barbaadamaa jira. Bara kana Bundeesligaa keessatti taphataa dargaggeessa cimaa jedhamuun filatameera. Bara waldorgommii dabarse kana galchiiwwan 21 irratti kallattiin qooda fudhateera.
RB Leepizhiig bara 2025 Leeganyees irraa Yuuroo Miliyoona 20’n kan mallatteessifate yoo tahu, barana taphataa gahumsa addaa qabu kana kilabni bitachuu barbaadu Yuuroo Miliyoona 100 kaffala jechuun gatii itti maxxanseera.
Keessumaa Liivarpuuliin barbaadamaa kan jiru Diyoomandeen Waancaa Afrikaa irratti garee biyya isaatiif taphataa murteessaa ta’uu isaa agarsiiseera. Waancaa Addunyaa 2026 irrattis hojii guddaa akka hojjetu abdatameera.
o Johaan Manzaambii (Siwizeerlaandi)

Taphataan umriin waggaa 20 kun kilabni isaa Fireeybuurgi tapha xumuraa waancaa Awurooppaa Liigii ga’uuf gahee guddaa taphateera.
Taphatichi dandeettii agarsiiseen taphataa dargaggoo cimaa liigichaa jedshamuunis filatameera.
Manzaambiin iddoowwan adda addaarra taphachuu danda’uun leenjisaa isaatiif filannoo bal’aa kennuun adda akka isa taasisuus ibseera.
o Rikaardoo Peepii (Ameerikaa)

Ameerikaan biyyoota Waancaa Addunyaa bara kanaa kana qopheessan keessaa tokko taatus urjiilee hedduu hin qabdu. Leenjisaan garee biyyoolessaa biyyattii Mooriisiyoo Poocheetiinoon dursaa garichaa Kiristiyaan Puulisichitti aanee Rikaardoo Peepii irraa abdii guddaa akka qaban ibsaniiru.
Taphataan waggaa 23 kun kilaba PSV Eendihooveen keessatti bara darbe galchiiwwan 19 liigii Ereedivisee keessatti lakkoofsiseera. Dandeettiin akka dhuunfaatti agarsiise kan waayillan isaa waliin walitti dabalamee PSV’n shaampiyoona liigichaa akka tahuuf gahee guddaa taphateera.
Peepiin garee biyya isaatiif taphoota 35 irratti hiriiruun galchiiwwan 13 galcheera.
Rikaardoo Peepiin tapha Waancaa Addunyaa 2026 guyyaa borii eegalurratti taphattoota eegaman keessaati jedhamuun xiyyeeffannoo argateera.
o Niikoo Paaz (Arjeentiinaa)

Niikoo Paaz kilaba Koomoo keessatti dandeettii ajaa’ibsiisaa agarsiiseen kilabootni hedduun isa hordofaa jiru. Taphataan waggaa 21 kun akkaadaamii Riyaal Maadriid keessatti guddate.
Leenjisaan garee biyyaalessaa Arjeentiinaa Liyooneel Iskaalooniif filannoo jalqabaa ta’uu baatus carraa argate hundatti dandeettii isaa akka agarsiisu eegama.
Abbaan isaa Paabloo Paaz bara 1998 Waancaa Addunyaa irratti Arjeentiinaa bakka bu’ee ture. Niikoon ammoo caalmaatti garee biyya isaaf bu’aa akka fidu eegama.
o Ayyuub Buwaadii (Morookoo)

Ayyuub Buwaadii maatii Morookoo irraa Faransaay keessatti dhalatee yoo tahuu umrii isaa waggaa 18 kanaan taphichi keessumaa Arsenaaliin barbaadamaa jira.
Akkaadaamii Liil keessatti kan guddatee taphatichi amma kilaba jalqabaa Liiliif taphachaa jira.
Taphataan kun garee guddattootaa Faransaayiif taphatee kan ture yoo ta’u, yeroo ammaa Morookoo bakka bu’uuf eeyyama FIFA argateera.
Umriin isaa xiqqaa ta’us shaampiyoonsi liigii, Awurooppaa liigii fi Konfiransii liigii irratti hirmaachuun muuxannoo guddaa akka argatu taasisera.
o Ibraahim Maazaa (Aljeeriyaa)

Taphataan sarara fuulduraa Baayer Leeverkuusen Ibraahim Maazaan Waancaa Afrikaa 2025 irratti Aljeeriyaaf taphataa murteessaa ta’uu danda’uun dandeettii guddaa qabaachuu agarsiisera.
Jarmanitti dhalatee kan guddate taphatichi bara 2024 irraa eegalee biyya abbaa isaa Aljeeriyaaf taphachuuf murteessuun tajaajilaa kan jiru yoo tahuu kilabootni Ingilizii hedduun itti dhiyeenyaan taphaticha hordofaa jiru.
Ibraahim Maazaa garee biyyoolessaa Aljeeriyaaf taphoota 15 irratti kan hirmaatee yoo tahu, Waancaa Addunyaa 2026 irrattis hojii caalmaa hojjetuun taphattoota dargaggoota Waancaa Addunyaa 2026 irratti eegaman keessaa tokko tahuun garasitti imaleera.
Walumaagalatti taphni Waancaa Addunyaa 2026 guyyaa borii ifatti akka eegalamuuf saganteeffameera.
Iddoosaa Abdiitiin