Hawaasni tajaajila faayinaansii ammayyaa’e akka argatuuf AMN odeeffannoo yeroon barbaadu dhiyeessuu itti Fufa- Obbo Salamoon Dibaabaa

You are currently viewing Hawaasni tajaajila faayinaansii ammayyaa’e akka argatuuf AMN odeeffannoo yeroon barbaadu dhiyeessuu itti Fufa- Obbo Salamoon Dibaabaa

AMN PLUS – Waxabajjii 03/2018

Addis Miidiyaa Neetiwoork hawaasni tajaajila faayinaansii ammayyaa’e akka argatuuf odeeffannoo yeroon barbaadu dhiyeessuu itti fufa jedhan Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN Obbo Salamoon Dibaabaa himan.

AMN fi Baankiin Sikkeetii akkaataa waloon hojjechuun bu’a qabeessummaa dhaabbattummaa galmeessuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Hoji Raawwachiisaan Olaanaa AMN Obbo Solomoon Dibaabaa dhaabbileen lamaan qabeenya Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee tahuun uummata magaalichaa tajaajiluuf kaayyoo fi mul’ata wal fakkaataa akka qaban ibsaniiru.

Baankiin Sikkeetti damee faayinaansiitiin, AMN ammoo tajaajila baankichaa uummata biraan ga’uu keessatti yeroo dheeraa walta’iinsaan hojjechaa turuu kan kaasan Obbo Solomoon waliigalteen kun waliigaltee dhaabbilee lama mul’ata tokko qabanii tahuus hubachiisaniiru.

Magaalaan Finfinnee giddu gala dippilomaasii tahuun addunyaarraa sadarkaa sadaffaarratti akka argamtu kan yaadachiisan Hoji Raawwachiisichi AMN fi Baankiin Sikkeeti sadarkaa kana cimsuuf hojiiwwan guguddoo hojjechaa turuus eeraniiru.

Maricharratti Obbo Daamxoon, AMN yeroodha gara yerootti dhaqqabamummaa isaa qulqullinaan mirkaneessaa jiraachuu ibsuun bu’uura kanaan Baankiin Sikkeeti walta’iinsa isaa dhaabbaticha waliin daran cimsee akka itti fufu himaniiru.

AMN tajaajila garaagaraa Baankii Sikkeetiin kennamu uummata biraan ga’uu akka danda’u haala gaariin beeksisuun gama biroon ammoo AMN Sagaleen Dhalootaas tajaajila faayinaansii adda addaa baankicharraa akka argatu waliigaltee irra ga’amuus ibsaniiru.

Baankiin Sikkeeti maamiltoota Kuma 750 ol Finfinnee keessaa qabu bira ga’uuf AMN waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun bu’aa guddaa akka qabu himaniiru.

Gabaasni kan Abdiisaa Fufaati

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply