Giddu Galoota A-Masoob itti quufiinsa maammiltootaa mirkaneessaa jiran

You are currently viewing Giddu Galoota A-Masoob itti quufiinsa maammiltootaa mirkaneessaa jiran

‎AMN PLUS – Waxabajjii 03/2018

‎Giddu galootni tajaajila iddoo tokkoo A-Masoob yeroo gabaabaa keessatti hojitti galuun lammiilee Kuma 230 ol tajaajiluun, itti quufiinsa maammiltootaa dhibbeentaa 99’n gahaniiru.

‎Kenniinsa tajaajilaa Magaalaa Finfinnee ammayyeessuu fi tajaajila giddu gala tokkootti kennamuuf haala mijataa uumuuf kan qophaa’e pirojektiin A-Masoob milkaa’ina olaanaa galmeessaa jira.

‎Hanga waxabajjii 30/2018’tti lakkoofsa giddu galoota tajaajila iddoo tokkoo 11’n gahuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo tahu amma giddu galootni 9 Kutaalee Magaalaa Araadaa, Boolee, Lidataa, Qiirqos, Addis Katamaa, Gullallee, Nifaas Silki Laaftoo, Kolfee Qaraaniyoo fi Eekkaatti tajaajila kennaa jiru.

Daayirektarri Olaanaa Giddu Gala Tajaajila Iddoo Tokko A-Masoob Injinar Dassaaleny Tarrafaa akka ibsanitti kanneen hafan giddu galli tajaajila iddoo tokkoo Aqaaqii Qaalliittiifi Lammii Kuraa raawwiin ijaarsa isaanii dhibbeentaa 99.5 ol ta’ee yeroo dhiyootti eebbifamuun tajaajila akka eegalan ibsaniiru.

‎Giddu galootni kun yeroo hojii eegalan jiraattota Kuma 230 ol kan keessummeessan yoo ta’u itti quufiinsa maammilaa dhibbeentaa 99’n akka gahu abdatameera.

Milkaa’inni kun galmaa’uu kan danda’e Bulchiinsa Magaalichaatiin deeggarsi addaa taasifamee, ogeeyyiin tajaajilicha kennan leenjifamuu fi galteewwan bu’uuraa barbaachisoo ta’an dursan guutamuun tahuunis eerameera.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply