AMN PLUS – Waxabajjii 04/2018
Itoophiyaan imaammata maallaqaa (Monetary Policy) fi imaammata baajataa mootummaa (Fiscal Policy) walitti qindeessuun hojii dinagdee bu’a qabeessa ta’e diriirsuun guddina dinagdee saffisaa galmeessisuu danda’uu Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee ibsaniiru.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa 6ffaa wal gahii idilee 25ffaa bara hojii 5ffaa gaggeessera.
Walga’icharratti Obbo Ahimad Shideen wixinee labsii baajataa bara 2019 dhiyeessan irratti mari’atameera.
Obbo Ahimad wixinee baajataa mootummaa federaalaa bara 2019, Mana Maree Ministirootaatiin dhiyaate irratti ibsa bal’aa kennaniiru.
Rifoormiin dinagdee gooroo waliigalaa Itoophiyaa fi raawwii dinagdee bara baajataa kanaa irratti hundaa’uun qoodinsa baajataa bara itti aanuuf yaadame dhiyaateera.

Mootummaan sagantaa hojiirra oolcheen fooyya’iinsi dinagdee biyya keessaa fi karoora misoomaa waggoota kudhanii bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuun dinagdeen Itoophiyaa dhiibbaa keessaa fi alaa dandamatee bu’aa gaarii galmeessuu ibsaniiru.
Kanaanis bara 2012 hanga 2016’tti dinagdeen Itoophiyaa waggaa waggaadhaan giddu galeessaan dhibbeentaa 6.8 guddachaa ture; bara 2017 ammoo guddina dinagdee dhibbeentaa 9.2 galmeessuu danda’eera jedhaniiru.
Bara baajataa kana keessas dhiibbaa waraana Baha Giddugaleessaa akka addunyaatti ture dandamachuun guddina dinagdee dhibbeentaa 10.2 akka galmeessu ibsaniiru.
Kunis Itoophiyaa biyyoota addunyaa guddina dinagdee saffisaa galmeessaa jiran keessaa sadarkaa olaanaatti akka argamtu kan agarsiisu ta’uu himaniiru.
Guddinni dinagdee saffisaan galmaa’aa jiru kun hojii imaammata fooyyessii dinagdee gooroo milkaa’aa hojiirra oolchuun, qaala’iinsa jireenyaa to’achuu fi oomishtummaa guddisuun akka dhufe ibsaniiru.
Hojiirra oolmaan imaammata maallaqaa fi baajata mootummaa walitti qindaa’e, oomishtummaa fooyyessuu fi guddina dinagdee cimaa galmeessuun qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf bu’aa guddaa argamsiiseeraas jedhaniiru.
Tarkaanfiiwwan fudhatamanis gatii meeshaalee fi tajaajiloota gara dijitii tokkootti gadi buusuun bu’aa gaarii argamsiisuu ibsaniiru.
Damee qonnaa keessattis oomisha midhaanii fi horsiisa beelladaa keessatti sirna dhiyeessii fooyyessuun akkasumas qonna magaalaa jajjabeessuun qaala’iinsa jireenyaa hir’isuun uummataaf haala mijataa uumuuf gumaacha guddaa taasisuu himaniiru.
Liqiin baankota irraa kennamu akka daangaa qabaatu taasifamuun dhiyeessiin maallaqaa guddina dinagdee waliin akka walsimu gochuun qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf gumaacheera jedhaniiru.

Waggoota darban keessa Baankii Biyyaalessaarra hanqina baajata guutuuf hojii ture guutummaan guutuutti hambisuun kunis qaala’iinsa jireenyaa gara dijitii tokkootti gadi buusuuf gumaacha guddaa taasiseera.
Kanaanis qaala’iinsi jireenyaa bara 2014 keessa dhibbeentaa 34.5 gahee ture bara 2016 keessa gara dhibbeentaa 9.4tti gadi bu’uu danda’eera jechuun ibsaniiru.
Akka ragaan Istaatistiksii gatii fayyadamtootaa ji’aan ba’u mul’isutti, gatii oomishaalee nyaataa fi kanneen nyaata hin taane irratti hir’inni mul’ate bu’aa hojii kanaa ifatti agarsiisaas Obbo Ahimad Shidee kaasaniiru.
Fooyya’iinsi taasifamee sirna jijjiirraa sharafa alaa irrattiis qaala’iinsi jireenyaa akka hin hammaanne hojii qindaa’aa dursee hojjetameen to’atamuu danda’eeraas itti dabaluun ibsaniiru.
Ministirri Maallaqaa ibsa bal’aa kennaniin kun hundi dinagdee tasgabbaa’aa fi badhaadhina qabu ijaaruuf adeemsa taasifamaa jiru cimsuuf boqonnaa guddaa ta’uu isaa hubachiisaniiru.