
Kabajamtoota lammiilee Itoophiyaa, milkaa’ina boqonnaa sagantaa “Koodaroota Miliyoona 5” kanaan baga gammaddaniin jedha!
Galma waggaa sadii keessatti milkeessuuf karoorfame yeroo waggaa lamaa gadi ta’e keessatti galmaan gahuun danda’ameera.
Pirojektiin “Koodaroota Itoophiyaa Miliyoona 5” Adoolessa 16 Bara 2016 eegalee erga jalqabamee as, barnoota bu’uuraa pirogramiingii koompiwutaraa (computer programming), xiinxala ragaa (data analysis), misoomsa sooftiweerii Andirooyidii (Android software development) fi hubannaa nam-tolchee (artificial intelligence) kanaan leenjittoonni 5,005,146 galmaahuun, isaanii keessaa miliyoonni 3 ol leenjicha xumuraniiru.
Milkaa’inni kun kutannoo fi dandeettii daangaa hin qabne kan uummata keenyaa mirkaneessa.
Boqonnaan seena-qabeessi addunyaa dijiitalaa keessatti sirriitti of qopheessuuf jalqabne kun, dhuma imala keenyaa utuu hin taane, mul’ata keenya biyyaalessaa caalaatti ariifachiisuuf ka’umsa dha.

Hanga Hagayya Bara 2018 A.L.I.tti baay’ina leenjittootaa miliyoona 7 ga’uuf galma kaayyeffame milkeessuuf, lammiin Itoophiyaa hundi qaama ergama biyyaalessaa kanaa akka ta’u waamicha koo nan dabarsa.
Barattoota keenya dargaggootaaf; boqonnaan gannaa dhufaa jiru carraa keessan isa guddaa dha. Yeroo keessan akkanumatti gubuurraa, galmaahuu fi barachuun yeroo gara mana barnootaa keessaniitti deebitan barattoota qofa utuu hin taane, gaggeessitoota dijiitalaa sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qaban akka taatan nan gorsa.
Leenjichis guutummaatti bilisaan kan kennamu yoo ta’u, waraqaan ragaa argamus sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii kan qabu dha.
Egereen isin ijaartan har’a eegala!
Galmaahuuf liinkii kana cuqaasaa: