AMN PLUS – Waxabajjii 04/2018
Sirna Gadaa keessatti aangoon Gadaa tokko irraa gara Gadaa birootti yommuu darbu karaa nagaa, marii, waliigaltee fi kabajan raawwatama.
Haaluma kanaan sirna walharkaa fuudhinsa Alanagee Gadaa Tuulamaa marsaa 71ffaa Gadaa Meelbaa irraa gara Muudanaatti taasifamu bu’uureffachuun mariin paanaalii Finfinnee Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adawaatti gaggeeffamaa jira.

Marichi walta’iinsa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaafi Bulchiinsa Magaalaa Shaggariin kan qophaa’e yoo ta’u, bakka Afa Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaaniifi keessummootni biroon argamanitti adeemsifamaa jira.

Sirni dabarsa Aangoo Gadaa kun waggaa saddeet saddeetiin kan darbu yoo ta’u, bara kana Gadaan Meelbaa Gadaa Muudanaaf Ardaa jilaa dhakaa koraatti Alangee kan dabarsu ta’a.
Gabaasni kan Geetaahun Katamaati